Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame kan Adoolessa 25,2022.
( ONM-ABO Adoolessa 26, 2022 )
Gabaasa gumaacha kaleessaa
Sabboontootni ilmaan Oromoo irree fi gaachana uummata Oromoo WBO diinagdeen jabeessuuf gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.
Akka kanaanis obbo Tiksaa Kaayyoo namni jedhaman dhuunfaan WBO jabeessuuf qarshii 2000 moonaa qabsoo bilisummaa Oromoo qaqabsiisanii jiran .
Jaarmiyaa tokkummaa baqqatoota Oromoo biyya Yeman “Gurmuun Elemoo Qilxuu Tumsa WBO ” gumaacha marsaa 15ffaa taasisaniin doolaara Ameerikaa 725, gareen tumsa WBO gumaacha marsaa 3ffaa Sa’ud Arabiyaa irraa doolaara Ameerikaa 275 yoo walitti qabuun waliigalatti doolaara Ameerikaa 1000 WBO qaqabsiisanii jiru.
Gareewwan kun yeroo hunda buusii dhaabbata malee waan hatattamaaf sa’a ajajaan olaanaan ABO-WBO gaafateetti warreen deebii hatattamaa kennan keessa warra jiran yoo ta’an ibsa ejjannoo Armaan gadiis baafatanii jiru .
- Nuti miseensoonni Gurmuu Elemoo Qilxuu Tumsa WBO fi Gareen Tumsa WBO kaayyoo ilmaan Oromoo wareegamanii asiin ga’aniif irbuu itti seenne haga fiixa ba’utti boqqonnaa hin qabnu
- Warreen keessaaf alaan dantaa mataa isaanii tiksuuf qabsoo irratti shira xaxaa jiran kan dhumaatii fi rakkoon Oromoo itti hin dhagayamne akkasumas kan wareegama ilmaan Oromoo walabummaa fi Bilisummaaf kafalan gatii dhowwun Itoophiyaa duute kaafna jedhan gama kamiinu dura ni dhaabbanna.
- Hanga walabummaan Oromiyaa fi bilisummaan Oromoo mirkanaa’utti waan dandeenyu cufaan WBO cinaa ni dhaabbanna.
Jaarmayaan Maadhee Urjii Qabsoo Baha Oromiyaa bifa maadhee fi Dhunfaan Ijaaramanii qabsoo irraa qooda fudhachaa jiran yeroo 3ffaaf gooticha Waraana Bilisummaa Oromoof Qr 9,100 gumaacha taasisanii jiru.
Akka kanaan:
- Maadheen Danbiyyaa Aanaa Kombolchaa irraa Qr. 4500,
- Maadheen Odaa Hammareessaa Qr 600,
- Maadhee Raabaa Qr 500
- Maadhee Hundanee Aanaa Soofii Qr 500 fi kophe warana sadii kan gatiin Qr. 3000tti shallagamu WBOf gumacha taasisanii jiran.
Fulduraas Hanga murni sobduun duguuggaa sanyii uummata Oromoo qulqulluu badii tokko hin qabne irratti raawachaa jiru kun xumura argatutti ABO_WBO cinaa dhaabbachuuf waada haaromfannee jirra jedhaniiru.
Deggarsii fi tumsi WBOf taasifamu keessaa fi alaan cimee itti fufee jira.
Gareen “Deggarsa WBO” Marsaa 8ffaaf Riyaala Sa’udii 14,005 ( kuma kudha afuriif qarshii shan) gara qarshii impaayeera Itoophiyaatti yeroo jijjiiramu 291,770 ( kuma dhibba lamaaf kuma sagaltamii tokkoof dhibba torbaaf torbaatama ) abdii sabaa WBOf gumaacha taasisanii jiru.
Haaluma Walfakkaatuun Gareen “Deggarsa WBO Xumura Gabrummaa” Riyaala Sa’udii 750 fi qarshii impaayeera Itoophiyaa 5000 gara qarshiitti yoo jijjiirame 15,625 ( kuma kudha shaniif dhibba ja’aaf digdamii shan) WBO qaqqabsiisanii jiru.
Waliigalatti qarshiin impaayeerattii 312,395 ( kuma dhibba sadiif kuma kudha lamaaf dhibba sadiif sagaltamii shan ) gumaachanii jiru.
Sabboontootni ilmaan Oromoo keessaa fi alaan maadhee fi dhuunfaan gumaachaa taasisan fuula duraafis akka itti fufan waadaa haaromfachuun isaanii gabaasa Ajajaan Olaanaan ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.
Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’u ittiin jenna.
Horaa bulaa deebanaa
Injifannoon Uummata Oromoof!
