• Wed. Nov 25th, 2026

Muurni PP Sab-boontota Oromoo Hidhaan Hiraarsuun Beekamu Uummata Nagaa Ona Eebantuu Hidhaatti Guuraa Jiraachuun Dhagaa’ame

Jul 27, 2022

Muurni PP Sab-boontota Oromoo Hidhaan Hiraarsuun Beekamu Uummata Nagaa Ona Eebantuu Hidhaatti Guuraa Jiraachuun Dhagaa’ame.

[SQ Adoolessa 27/2022]

Muurni Bilxiginnaa Lixa Oromiyaa Ona Eebantuu Magaalaa Qeellootti guyyaa kaleessaa jechuunis, Adoolessa 26/2022 ganama irraa ka’uun uummatatti marsanii namoota nagaa heedduu hidhaatti guuraa jiraachuu odeessi Sagaleen Qeerroo argate ifa godha.

Akka jiraattonni magaalichaa jedhanitti waraanni PP tarree (list) maqaa baafachuun manarra deemanii namoota qabanii hidhaatti guuraa jiraachuun beekameera. Tajaajilli qunnamtii garasirraa yeroo dheeraa dura waan citeef jecha eenyu akka qabamee fi hafe guutummaatti adda baafachuuf rakkannus, namoonni armaan gadii hanga ammaatti humnoota waraanaa PP tiin qabamuu isaanii odeessi nu dhaqqabe ni addeessa.

1) Obbo Gammadaa Simaa
2) Obbo Guddataa Tufaa
3) Obbo Asaffaa Warqinaa
4) Obbo Raggaasaa Wiirtuu
5) Obbo Bulchaa Goshuu
6) Obbo Kabbadee Waaqjiraa
7) Lalisaa Hayilee
8) Taarikuu Galataa
9) Obbo Amsaaluu Galataa
10) Obbo Waaqtolee Fayyisaa
12) Obbo Gammachuu Lammii
13) Obbo Gammachuu Gannatii
14) Lamuu Duuressaa
15) Gammachuu Dhufeera
16) Dachaasaa Amanuu fi kanneen biroo sababa rakkoo qunnamtiif maqaan nun gahiin heedduun qabamanii hidhamuu odeeffannoon nu gahe ni mul’isa.

Ammayyuu kanneen maqaa of harkaa qaban hunda qabuuf adamsanii namoota barbaadaa jiru jedhan jiraattonni. Odeessa guutuu akkuma arganneen walitti deebina.

Leave a Reply