• Wed. Nov 25th, 2026

WBOn lixa Wallaggaa ona Gimbii keessatti waraana faashistii Abiy Ahimed irratti tarkaanfii fudhachuu itti fufe

Jul 27, 2022

WBOn lixa Wallaggaa ona Gimbii keessatti waraana faashistii Abiy Ahimed irratti tarkaanfii fudhachuu itti fufe.

( ONM-ABO Adoolessa 27,2022 )

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu PP irratti fudhachuun karoora isaan waraana bilisummaa Oromoo fi uummata Oromoo balleessuuf baafatanii socho’aa turan fashaleessaa jira.
Haaluma kanaan guyyaa har’aa jechuun Adoolessa 27,2022 waaree duraa hanga waaree booda toora sa’a 8:30 akka lakkoofsa impaayeerattiitti tarkaanfii waraana bilxiginnaa irratti godina lixa Wallaggaa ona Gimbii ganda Horee Mariyaamii keessatti fudhateen waraana nyaaphaa irraa battalatti 25 ajjeesuun 12 madeessee jira.

Waraanni faashistii Abiy Ahimed reeffa kaafachuu sodaachuun erga lolli dhaabbatee sa’a sadiin booda reeffaa fi madoo kaafachaa jiraachuun barameera.

Tarkaanfii waraana weerartuu bilxiginnaa irratti fudhatamu itti fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply