• Fri. Mar 13th, 2026

Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Hagayya 2, 2022

Aug 2, 2022

Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Hagayya 2, 2022

( ONM-ABO Hagayya 2, 2022 )

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu PP irratti fudhatu jabeessee itti fufee jira.

Haaluma kanaan korommiin ilmaan Oromoo giddugala Oromiyaa WBOn godina lixa Shaggar keessa sosso’u tarkaanfii laalessaa waraana bilxiginnaa irratti fudhachuun du’aa fi madoon adabeera.

Lola dheengadda Adoolessa 31,2022 gootichi onnee barbadaa WBOn lixa Shaggar keessa sosso’u Cibraan Jibaat ona Daannoo ganda Bakkee Sirbaa magaalaa Kamisee keessatti fudhateen mooraa waraana bilxiginnaa cabsee loltoota ishee 17 ajjeesee 7 madeessuun mooraa diinaa buqqisee jira.

Loltoota diinaa ganda keessa ari’ee uummata itti kofalchiisuun qabeenya isheen uummata jalaa saamte akka deebi’uuf taasiseera.

Tarkaanfiin hanga bilisummaa fi walabummaatti itti fufa!

Hora bulaa deebanaa

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading