• Fri. Jan 2nd, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii keessatti hidhattoonni mootummaa sirna bilxiginnaa namoota nagaa ajjeessuu itti fufanii jiru

Aug 6, 2022

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii keessatti hidhattoonni mootummaa sirna bilxiginnaa namoota nagaa ajjeessuu itti fufanii jiru.

ONM-ABO Hagayya 6,2022-Oromiyaa keessatti hidhattoonni mootummaa murna maafi’a PP ajjeechaa ilmaan Oromoo nagaa irratti raawwatan daran dabaluun ilmaan Oromoo qe’ee abbaa isaa irratti baha gala dhorkuun ilma nama rasaasaan ajjeesanii bakkeetti hambisuun allaa fi bineensa daggalaa sooraa jiru.

Namuu Oromiyaa keessatti akkuma muuxannoo isaatti hojii garaagaraa hojjachuun kan ofii fi maatii isaanii jiraachisan yoo ta’u sirni ajjeesaan kun garuu abbaa daa’ima irra ajjeessuun maatiin bakkeetti ba’anii akka rakkatanii fi beelaan du’an gocha jira.

Haaluma kanaan godina lixa Wallagaa aanaa Begii magaalaa Begii keessatti waraanni maqaaf nageenya uummata eegnaan magaalattii qubatanii jiran nama nagaa siyaasa kam keessayyuu harka hin qabne shan rasaasaa itti roobsun haala nama gaddisiisuun galaafataniru.

Namoota shanan magaalaa Begii Amaanu’eel Siyyum hojii konkolaachisaa hojjachuun ofii fi maatii isaa jiraachisuu achuma magaalaa Begii keessatti rasaasaan rukkuchuun ajjeessaniru.

Magaalaa sana keessatti namoonni hedduun badii tokko malee hidhamanii mana murtiitti osoo hin dhiyaatin dararama kan jiran hedduu ta’uu fi namoonni hedduunis yaala dhabuun du’aaf jireenya gidduutti rakkacha jiru jechuun maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himuun duuti ona Begii keessatti guyyaa guyyaan namootni ajjeefamaa akka jiran maddeen dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading