Kaaba Oromiyaa godina Walloo keessatti dararaa finxaaleyyiin Amaaraa uummata nagaa irratti geggeessan daran cimee itti fufe jira.
ONM-ABO Hagayya 6,2022 Uummata Oromoo kaaba Oromiyaa keessa jiraatanitti humnootni finxaaleeyyii Amaaraa murna bilxiginnaa federaalaan deggeramuun yeroo garaagaraatti gocha sukkanneessa akka ajjeecha, hidhaa, saamicha fi buqqaatii hawaasa nagaa irratti raawwacha kan jiran yoo ta’u, sababa kanaan namoonni dhibbootan lakkaa’aman du’uun namoonni hedduunis qe’ee isaanii irra buqqifamaniiru.
Haa ta’u malee uummanni Oromoo kaabaa Oromiyaa godina Walloo keessa jiraatan yeroo dheeraaf tokkummaan diina isaanii kan of irra lola turanii fi jiran yoo ta’u yeroo amma ona Dawwa Caffaa keessatti hidhattoonni murna bilxiginnaa fi humni finxaaleeyyii Amaaraa waliin ta’uun uummata ganda Goodaa meeshaa mana qabdan fida jechuun qabeenya isaanii saamaa fi namoota hedduus hidhaatti darbanii dararaa jiru.
Gandi Goodaa gandoota aanaan Dawwaa Caffaa qabdu keessaa tokko yoo taatu yeroo hedduu humna finxaaleeyyii Amaaraa kanaan qabeenyi isaanii saamamuu fi namoonni hedduun ajjeefamuun gariin ammoo qe’ee abbaa isaanii irraa ari’atamanii jiru.
Gaafa Hagayya 3,2022 irraa eegaluun bifa addaan meeshaa nuti diina keenya ittin of irra dhorka turre waraana hedduuminaan nutti bobbaasuun nurraa guuraa jiru kan jedhan jiraattootni ona Daawwaa Caffaa ganda Goodaa ammaan booda diinni yeroo xiqqoo keessatti nu fixuuf waan jiruuf uummanni keenya bakka jirtanitti tokkummaa keessan jabeeffachuun ni bira dhaabbadhaa jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniiru.
Itti dabaluunis aanoota akka Baatee fi Dawwee Haarawwaa keessatti meeshaa uummanni duraan ittiin diina of irra eega ture waan irraa guurameef poolisootni humni addaa Affar karaa daangaa irraan aanota kanneen seenuun qabeenya namoota saamaa fi ajjeessaa jiru jechuun maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
