• Fri. Mar 13th, 2026

Waajjirri abbaa taayitaa gaaliiwwanii godina lixa Harargee ona Habroo gibira humnaa olii uummatatti ramaduun dirqiin kafalchiisaa jiraachuun dhagaa’ame

Aug 6, 2022

Waajjirri abbaa taayitaa gaaliiwwanii godina lixa Harargee ona Habroo gibira humnaa olii uummatatti ramaduun dirqiin kafalchiisaa jiraachuun dhagaa’ame.

ONM-ABO Hagayya 6, 2022- Murni maallaqa uummataa karaa seeraa fi seeraan alaa saamuu bare, maallaqni karaa humna waraanaa maqaa koomaandpoostiin saamamu xiqqaannaan maqaa gibiraan kafaltii uummatni kafaluu hin dandeenye uummatatti muruun dirqamaan akka kafalan gochaa jiru.

Haaluma kanaan godina lixa Harargee ona Habroo magaalaa Galamsooti waajjirri abbaa taayitaa galiiwwanii aanaa Habroo poolisoota idilee , poolisoota humna addaa Oromiyaa fi dabballoota bilxiginnaa waliin qindaa’uun dukkaana namootaa irraa deemuunii fi abbootii qabeenyaa konkolaataa hanga doqdoqqeetti jiran doorsisanii akka kafalan taasisu.

Namni tokko hanga 50,000tti kafalaa kan jiru yoo ta’u dukkaana tokkotti qarshii 4500, baajajii irraa qarshii 2500 fi konkolaattoota irraa hanga qarshii 20,000 fi isaa olii funaanaa jiru.

Abbaan taayitaa galiiwwanii aanichaa ramaddii gibiraa ofii isaatii ogeessota isaan taa’ee kan murteesse yoo ta’u amma galii argannaa namootaa fi daldala namootaa yaada keessa osoo hin galchin karoora mataa isaanii qofa guuttachuuf akka ta’e odeessi maddeen bilxiginnaa aanichaa irraa ba’e ni addeessa.

Sababa kafaltii humnaa olii sadarkaa isaanii hin eegne humnoota ergamtoota sirna maafi’aa PP kanaan abbootii qabeenyaa Oromoo magaalaa Galamsoo keessatti hojii dhaabuuf deemaa jiraachuu maddeen dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading