• Tue. Nov 24th, 2026

Baha Wallaggaa ona Hoomaa Hagaloo keessatti hidhaa fi dararaan hammate

Aug 8, 2022

Baha Wallaggaa ona Hoomaa Hagaloo keessatti hidhaa fi dararaan hammate.

ONM-ABO Hagayya 8, 2022 Baha Wallaggaa onoota garaaagaraa keessatti maqaa waraana bilisummaa Oromoo nyaachiftuu fi hidhata waliin qabduun dararaan erga hammaatee waggoottan lakkoofsiiseera.

Hidhaan uummata dararuu akka meeshaa waraanaatti kan itti fayyadamu waraanni faashisticha Abiy Ahimed Hagayya 5,2022 godina baha Wallaggaa ona Waamaa Hagaloo magaalaa Qassoo keessatti nama nagaa maqaan isaa Dajanee Tamasgeen jedhamu badii tokko malee qabanii hidhanii jiru.

Obbo Dajanee guyyaa sana reebicha hamaa irraan erga ga’aniin booda kan hidhan yoo ta’u, magaalicha keessatti namoota qabuun Waraana Bilisummaa Oromoof maallaqa bilbilaan geessitu waan ta’eef nuufis kennaa jechuun namoota maallaqa qaban waamanii doorsisaa jiru.

Kana irraan kan ka’e uummatni ona Waamaa Hagaloo hidhaa fi maallaqa humnaa olii gaafatame kennuu dadhabuun qe’ee isaanii gad dhiisanii baqachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Leave a Reply