• Tue. Nov 24th, 2026

Kibbaa fi lixa Oromiyaa aanota tokko tokko keessatti tajaajilli baankii cufamuun hawaasni dararamaa jiraachuun ibsame

Aug 8, 2022

Kibbaa fi lixa Oromiyaa aanota tokko tokko keessatti tajaajilli baankii cufamuun hawaasni dararamaa jiraachuun ibsame.

ONM-ABO Hagayya 8, 2022 Murni bilxiginnaa maqaa garaagaraan uummata nagaa dararuu karoorfatee irratti hojjechaa jiru hidhaa, ajjeechaa, saamichaa fi buqqaatiin galma ga’uu hanqannaan torbee darbe sadarkaa tajaajila baankii ugguruu irra ga’ee jira.

Gocha kana kibba Oromiyaa godina Booranaa ona Mooyyaalee keessatti baatii lamaan dura baankichatti Waraana Bilisummaa Oromootu itti fayyadama jechuun tajaajila hawaasa irraa kutuun hawaasni qarshii achii qabuu fi kan iddoo biraa ergame baasee itti fayyadamuuf rakkatee jiraachuu dubbatu.
Kana malees godinuma sana magaalaa Yaaballoo keessatti ammoo namootni qarshii 5000 qofa baafachuu qofaaf mirga akka qaban himuun gatii guddaan wal irraa bituun, gurguruunii fi tajaajila mana yaalaaf oolfachuuf rakkatanii jiraachuu ibsanii warri akka magaalaa Mooyyaalee sanuma iyyuu argachuuf baasii dabalataa baasanio gara aanotaa fi magaalota biroo deemaa jiraachuu jiraattootni kunneen dabalanii ibsaniiru.

Oduma wal fakkaatuun lixa Oromiyaa godina Qellem Wallaggaa fi magaalaa Gambeellaa keessattis tajaajilli baankii addaan citee jira.

Dheengadda Hagayya 6,2022 irraa eegaluuun baankiileen godinichaa maallaqa dabarsaa fi baasaa kan hin jirre ta’uu, akkasumas uummatni guyyaa gabaa Sanbata dheengaddaa magaalaa Dambii Doolloo keessatti rakkachaa turuu jiraattoonni ibsaniiru.

Magaalaa Gambeellaa keessattis maqaa siistematu badeen tajaajilamttoota deebisaa turuu fi akkuma lixa impaayeerattiitti murni bilxiginnaa goolamaa turuu odeessi keessoo PP ba’e ni addeessa.

Leave a Reply