Murni bilxiginnaa godina Baalee Bahaa ona Daawwee Sararitti waraana humnaa ol itti bobbaasuun uummata dararaa jiraachuun dhaga’aame.
ONM-ABO Hagayya 8, 2022 Waraanni faashistii PP qe’een ilmaan Oromoo nagaa akka hin arganne barbaadu godina Baalee Bahaa ona Daawwee Sararitti waraana onoota adda addaa irraà itti fe’uun uummata dararaa jiru.
Murni bilxiginnaa maqaa Alshabaabtu godina Baalee Bahaa daangaa Soomaaleen wal daangessan seene jechuun loltoota isaanii magaalaa Gindhiir, onoota akka Raayituu fi Sawweenaa irraà gara aanaa Daawwee Sararitti fe’uun uummata hongeen hammaatee beelaaf saaxilamanii rakkachaa jiranitti fe’uun jireenya itti hammeessanii jiraachuu maddeen ibsan.
Aanaan Daawwee Sarar onoota gammoojjii Baalee Bahaa keessaa tokko yoo ta’u magaalaa Gindhiir irraà kiloomeetira 200 ol kan fagaattuu dha.
Haa ta’u malee humni waraana bilxiginnaa gosa adda addaan wal funaanuun uummata nagaa keessatti Al Shabaabtu argame jechuun uummata gargaarsa fedhuuf meeshaa waraanaa gadi itti fe’anii rakkoo uumamaa qaban irratti rakkoo biroo dhalchanii jiraachuu maddeen kaasuun uummatni naannichaa yaaddoo hamaa keessa jiraachuus addeessaniiru.
