• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Gujii lixaa ona Malkaa Sooddaa keessatti dargaggoo tokko yoo ajjeesan Qellem Wallaggaa ona Hawwaa Galaan keessatti tokko ajjeesuun tokko madeessan

Aug 8, 2022

Godina Gujii lixaa ona Malkaa Sooddaa keessatti dargaggoo tokko yoo ajjeesan Qellem Wallaggaa ona Hawwaa Galaan keessatti tokko ajjeesuun tokko madeessan.

ONM-ABO Hagayya 8, 2022 Murni faashistii PP ilmaan Oromoo akka bineensaatti adamsee lubbuu dhabamsiisaa jiru godina Gujii lixaa ona Malkaa Sooddaa keessatti dargaggoo Oromoo hojii albuuda bifa aadaan baasee jiraatu tokko badii malee ajjeesan.

Dheengadda Hagayya 7, 2022 ona Malkaa Sooddaa magaalaa Malkaa Sooddaa keessatti dargaggoo maqaan isaa Mangistuu Tasammaa Jaarraa nama jedhamu yoo ta’u milishoonni maqaa gaachana sirnaan bobbaafaman obboleessa keetu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun mooraa seensisanii erga qaama saalaa isaa keessa ulee reebaniin booda ajjeesanii gatuu maddeen ibsaniiru.

Dargaggoo Mangistuun ona Bulee Horaa ganda Gaalessa Nageessoo yoo ta’u jireenya fooyyeffachuuf hojii warqii qotanii maallaqa argachuuf gara sana deemuus jireenya isaaf waan karoorse osoo hin argatin waraana bineeyyii Abiy Ahimed torban tokkoo fi lama hin callee leenjisee bobbaseen lubbuun darbeera.

Murni bilxiginnaa barcuma siyaasaa isaa cimsachuuf ajjeechaa uummata nagaa irratti raawwatu itti fufuun godina Qellem Wallaggaa ona Hawwaa Galaan Mojoo jedhamu keessatti Dilbata kaleessaa Hagayya 7,2022 toora sa’a 5:00 irratti waraanni faashistii PP nama tokko ajjeesuun tokko madeessaniiru.

Ona Hawwaa Galaan ganda Mojoo keessatti waraana bilxiginnaan obbo Kamaaloo Jamaal kan jedhamu abbaa ijoollee kan ajjeesan yoo ta’u nama mataa dhukkubsatu Faantaa Daggafaa ammoo rasaasaan rukuchuun madeessanii daandii irratti gatan.

Faantaa Daggafaa nama jedhamu hawaasni itti birmachuun daandii irraa kaasuun hanga gabaasni kun qindaa’etti hospitaala Hawwaa Galaanitti yaalamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Leave a Reply