• Wed. Nov 25th, 2026

Waraanni fi dabballootni sirna faashistii PP godina Baalee Lixaa ona Diinshoo keessatti ilmaan Oromoo dararuu hammeessan

Aug 8, 2022

Waraanni fi dabballootni sirna faashistii PP godina Baalee Lixaa ona Diinshoo keessatti ilmaan Oromoo dararuu hammeessan.

ONM-ABO Hagayya 8, 2022 Murni bilxiginnaa kaayyoon isaa Oromummaa cabsuu ta’e waraanaa fi dabballoota sirnichaaf mindeeffamanii hojjetan itti bobbaasuun ilmaan Oromoo goleelee Oromiyaa mara keessatti dararaa jira.

Haaluma kanaan godina Baalee Lixaa ona Diinshoo ganda Abba Karaa keessatti ilmaan keessantu miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo ta’uun WBO zoonii Gujii lixaa keessaa nu rakkisaa jira jechuun qonnaan bultoota dalagaa dhuunfaa isaanii irraà qabuun waltajjiin dararaa turan.

Ona Diinshoo ganda Abba Karaa kana keessatti guyyaa kaleessaa namoota gandichaatti murni bilxiginnaa kaabinootaa fi waraana isaa bobbaasuun dargaggoota gandichaan isinis bor miseensa isaanii taatu akkasumas maatiin as keessa jirtan rakkoo qabdu isintu jajjabeessaa jiran erga jedhaniin booda gandicha irratti xiyyeeffachuun tajaajila hawaasummaa murni bilxiginnaa kennu haala kanaan akka hin argannee akeekkachisuu isaanii maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Ganda Abba Karaa kana keessatti irra deddeebiin doorsisni ergamtoota bilxiginnaa dhaga’aamaa kan turee fi kanaan duras jaarsoliin akkasumas dargaggootni hedduun sobaan yakkuun hidhamanii dararamaa turuun ni beekama.

Leave a Reply