• Fri. Nov 27th, 2026

Aartistoota Oromoo adamsanii hidhuun itti fufuun godina baha Harargee ona Hancaar keessatti aartist Guutamaa fi obboleessa iswa qabanii hidhan

Aug 8, 2022

Aartistoota Oromoo adamsanii hidhuun itti fufuun godina baha Harargee ona Hancaar keessatti aartist Guutamaa fi obboleessa iswa qabanii hidhan.

ONM-ABO Hagayya 8, 2022 Murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo rakkoo saba isaanii karaa aartii akka isaan ibsan hin barbaannee fi waan sabaa dhiisanii waan paartii bilxiginnaa qofa akka leellisan barbaadu aartistoota Oromoo adamsee hidhuu itti fufee jira.

Haaluma kanaan Kamisa darbe Hagayya 4, 2022 godina baha Harargee ona Hancaar keessatti aartistii Oromoo Guutamaa Mahaammad jedhamu meeshaa waraanaa manaa qabda jechuun mana isaa sakattaa’anii meeshaa jedhame sana erga dhabaniin booda buufata poolisii aanichaatti hidhanii jiru.

Kana malees obbeessa isaa erga aartist Guutamaan qabamee buufata poolisii nagaa gaafachuunii deeme Biqilaa Mahaammad jedhamu achumatti qabanii hidhuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ona Hancaar irraa gabaasaniiru.

Ona Hancaar keessatti waraanni fi dabballoonni sirna bilxiginnaa ilmaan Oromoo badii tokko malee sababoota garaagaraa uumuun mana isaanii qabuun mana hidhaatti dararaa fi maallaqa gurguddaa gaafatanii harkaa fudhachuun gadhiisaa akka jiranis maddeen dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply