• Sun. Nov 22nd, 2026

Godina Lixa Harargee ona Ciroo fi magaalaa Ciroo keessatti dabballoonni fi waraanni murna bilxiginnaa maqaa gibiraan uummata saamaa jiraachuun dhagaa’ame

Aug 8, 2022

Godina Lixa Harargee ona Ciroo fi magaalaa Ciroo keessatti dabballoonni fi waraanni murna bilxiginnaa maqaa gibiraan uummata saamaa jiraachuun dhagaa’ame.

ONM-ABO Hagayya 8, 2022 Sirni diinagdee impaayeerattii kufuun mogolee caasaa isaatii laamsha’aa jiru, sirnicha diinagdeen deebisee haaromsuuf maallaqa maqaa labsii yeroo hatattamaan saamaa jiruun cinaatti maqaa gibiraan uummata saamaa jira.
Akka kanaanis godina Lixa Harargee ona Ciroo fi magaalaa Ciroo keessatti maqaa Gibiraan uummata dunkaana cufsiisaa jira.
Yeroo itti qaala’iinsi jireenyaa uummatatti hammaatee jirutti gibira humnaan olii uummatatti fe’uun uummatni kafaluu dadhabee kan rakkachaa jiru yoo ta’u, warreen kafaluu hin dandeenye qabanii hidhu.

Abbootii qabeenyaa irratti gibira humnaa olii kan buusanii fi konkolaataan isaanii, dukkaannii fi baajajiin illee akka hin sochoone waraana itti bobbaasuun dhorkaa jiru.

Murni bilxiginnaa saamichaaf of ijaaree jiru kun qonnaan bultoota baadiyaa fi dukkaana baadiyaa keessa jiran kan guyyaatti qarshii 100 illee daldalanii hin oolle osoo hin hafin gibira waggaa qarshii 1000 ol itti buusuunii abbootii qabeenyaa Oromoo xiqqoo socho’an jedhamanitti qarshii gurguddaa itti ramaduun jireenya itti hadheessanii jiru.

Namoota hin kaffallu jedhan hidhuun cinaatti ergama Waraana Bilisummaa Oromoo qabda ittiin jechuun dararaa guddoo irraan ga’aa akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Leave a Reply