• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Jimmaa Horroo keessatti hidhaa fi doorsisni hammaachuu jiraattootni dubbatan

Aug 9, 2022

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Jimmaa Horroo keessatti hidhaa fi doorsisni hammaachuu jiraattootni dubbatan.

ONM-ABO Hagayya 9,2022 Dabballoonni sirna PP waraana faashistii Abiy Ahimed of jala hiriirsuun waltajjii garaagaraa irratti dirqiin erga uummata baasanii booda namoota yaada keenya mormu jedhanii waltajjiicha keessatti shakkan doorsisuunii fi hidhuun aadeffatameera.

Haaluma kanaan Hagayya 7,2022 godina Qellem Wallaggaa Aanaa Jimmaa Horroo Ganda Tibbee keessatti uummata dirqiin waltajjii baasuun dararaa oolaan.

Waltajjii kana irratti Dabballoonni fi Waraannii sirna balfama PP kun uummatni akka yaadaa kennuu fi jibbiinsa WBO dubbatu dirqiisiisa turuus maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ibsaniiru.

Waltajjii kana irraa dirqaman qooda kan fudhatan maanguddoon ganna 70 obbo Dhugumaa Maammoo jiraatadhuma ganda Tibbee kan ta’an “Yaadaa nun gaafatina, nu biras hin dhufina , mooraadhuma keessan taa’a “jechuun yeroo yaada kennanitti ergama Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jechuun Maanguddoo kana uummata duratti jechootaa safuu cabseen erga salphisaniin booda magaalaa Nuunnuutti geessanii hidhuu madden dabaluun ibsaniiru.

Obbo Olaanii Bakaree ganduma Tibbee keessaa fi obbo Solomoon Maammoo ganda Iluu Kittaayeetii qabuun dabalanii hidhuunis barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading