Uummati Oromoo Rakkoolee Waraanaa fi Beelaaf Saaxilamee dararaa jabduu argaa jira. Qaamni Biyya bulchu Rakkoon homaa akka hin jirreef Uummati Waraanaaf Beelaan dararamaa jiru homtuu hin jiru jechuun dubbatu.
(SQ-Hagayya 11, 2022)
Godina Baalee Aanaa Gurraadhaamolee Ganda Okkoltuu irraa Sababa lola Humni Addaa Somalee irratti Raawwateen Abbaa warraa 1042 yemmuu buqqaa’an, Maatii guutuu wajjiin yoo dabalate Namoota 7000 ol ta’antu Qa’ee fi Qabeenye isaanii irraa Buqqaafamanii Aanaa Dalloo Mannaa Ganda kallee golbaa zoonii Burqaa ykn eddoo Burqaa jedhamu qubatanii jiru.
Lolli godhamuu eegaluun ji’oota Sadi kan lakkoofsisan yoo ta’u hanga Ji’a sadan kanaa Karaa meeshaaleen adda addaa ittiin seenuuf hunda itti cufuun beelaaf kan saaxilaniin yemmuu ta’u sababa beelaa saniin Namoonni 73 lubbuun kan dabran ta’uu Maddi Sagalee Qeerrii bakka sanatti argame mirkaneesseera. Rakkoo Hawwaasa mudate kana Mootummaan Siyaasaaf itti gargaaramuun addatti furmaata waaraa kennee yeroo furuuf carraaqu hin mul’tus jedha maddi SQ.
Oromiyaa bakka hundatti Rakkoon Beelaaf nageenyaa akka hin malletti Uummata dararaa jira. Rakkoolee kanaaf ammoo Uummatii fi Ogeessonni irra deddeebiin “Mootummaan beelaafis qophii waan hin qabneef beelli Uummata fixa kanaaf dhoksaa, maddi Rakkoo nageenya biyyattiiyyuu Caasaa Maafiyaa akka Mootummaatti of ijaaredha” jedhanii dubbatu.
