Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii kibbaa godina Gujii bahaa keessatti diina adabuu itti fufe.
ONM-ABO Hagayya 14,2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii bahaa keessa socho’u Cibraan Odaa Adoolaa aanaa Gooroo Doolaa ganda Mucoo iddoo addaa Hara Galmaa jedhamutti Hagayya 13,2022 waraana garboonfattuu PP kan maqaa sakattaatiin bobbaate irratti tarkaanfii cimaa fudhateen loltoota PP 10 battalatti yoo ajjeesu 17 ammoo madeessee jira.
Haaluma kanaan aanuma Gooroo Doolaa ganda Mucoo iddoo addaa Dibbee Wocoo jedhamutti yeroo lammaffaaf tarkaanfii cimaa fudhateen loltoota PP 19 battalatti yoo ajjeesu 24 ammoo madeessee jira.
Ammas cibraan Odaa Adoolaa humna birmannaa aanaa irraa konkolaataa sadiin dhufaa turte irratti ganduma Mucoo keessatti itti deebi’ee rukutuun loltoota PP 16 battalumatti du’aan yoo gaggeessu 20 ol madeessuun konkolaata sadii guutumaa guutuutti hojiin ala gochuun injifannoo boonsaa galmeessee jira
Korommiin kibba Oromiyaa Cibraan Odaa Adoolaa aanaa Gooroo Doolaa ganda Raaroo keessatti dheengadda Hagayya 13,2022 waraana PP kan aanaa irraa gadi deemaa jirtu irratti tarkaanfii cimaa fudhateen loltoota PP 8 battalatti yoo ajjeesu 11 madeessuun injifannoo boonsaa galmeesse jira.
Tarkaanfii WBOn fudhatu hanga bilisummaa fi walabummaatti itti fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof !
