Lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii keessatti ilmaa Oromoo tokko ajjeessuun daandiitti gatan.
ONM-ABO Hagayya 14,2022 Waraanni murna bilxiginnaa godina Lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii magaalaa Innaangoo keessatti kaleessa galgala Hagayya 13,2022 dhukkubsataa tokko buufata fayyaa Innaangoo keessaa baasuun ajjeesanii daandii cirracha gurraachaa bakka addaa Dhagaa Cabsaa jedhamutti gatanii akka jiran maddeen ibsan.
Namni ajjeefamee gatamuun reeffi lafa jiru kun maqaan isaa hanga ammaatti kan adda hin baane yoo ta’u, namoonni akka itti hin siqneef irraa eegaa jiru.
Odeessa dabalataa akkaataa qulqulleeffanneen kan isiniif dhiheessinu ta’a.
