• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa ona Mana Sibuu keessatti namoota nagaa sadii ajjeesuun gariin qabanii deeman

Aug 19, 2022

Godina Lixa Wallaggaa ona Mana Sibuu keessatti namoota nagaa sadii ajjeesuun gariin qabanii deeman.

ONM-ABO Hagayya 19,2022 Murni bilxiginnaa duguuggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti raawwachuu itti fufuun kaleessa godina Lixa Wallaggaa ona Mana Sibuu keessatti namoota sadii ajjeesuun namoota hedduu qabanii deemanii jiru.

Kaleessa Hagayya 18,2022 Waaree booda ona Mana Sibuu ganda Ombosha Yesuus jedhamu keessatti namoota sadii kan maqaan isaanii Ibsaa Malaakuu, Gurree Oliiqaa fi nama tokko maqaan hin ga’iin sababa mataa rukutamee du’eef sareen mataa nyaachaa akka turte beekameera.

Waraanni murna bilxiginnaa ajjeechaa raawwataniin cinaatti namoota nagaa hedduu qabanii deemaniiru.

Namoota ganda Ombosha Yesuus keessatti badii tokko malee qabaman keessaa muraasni Waggaarii Bayyanaa, Lalisaa Indaaluu, Malaakuu Qananii, Annisaa Nagawoo Tujubaa Qananii fi kanneen biroon akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Murni bilxiginnaa duula ijibbaataa daboo waraanaa kadhachuun ilmaan Oromoo irratti erga banee ajjeechaa fi dararaan ilmaan Oromoo irra ga’u jabaatee akka itti fufe jiru gabaasni Oromiyaa godinaalee mara irraa nu qaqqabaa jiru ni addeessa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading