Hayyuun Oromoo Pr. Asaffaa Jaal’ataa murni bilxiginnaa Waraana Bilisummaa Oromoo mariin ala gochuun isaa WBOn dantaan uummata Oromoo yoo sharafame waan hin fudhanneef jechuun dubbatan.
ONM-ABO Hagayya 20,2022 Gaaffii fi deebii afaan Ingiliziin kaleessa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa waliin hayyuun Oromoo Pr Asaffaa Jaal’ataa taasisaniin dhimmoota gurguddoo Oromoo fi Oromiyaa irratti yaada jajjabaa fi murteessaa dhiheessanii jiru.
Yaadota hedduu kaasan keessaa tokko Abiy Ahimed impaayeera Minilik durii deebisuuf gorsa hayyoota Itoophiyummaa leellisaniin hojjetaa jira jedhan.
Kana malees wal waraansa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin taasisaa jiran karaa nagaa mareedhaan furuuf akka hin barbaannees kaasaniiru.
Sababni murni bilxiginnaa maree WBO waliin taasifamu hin barbaanneef jechuun yoo dubbatan, Waraanni Bilisummaa Oromoo dantaa uummata Oromoo sharafamaa akka hin fudhanne waan beekaniif jedhan.
Itoophiyummaa isaan leellisan WBOnis ta’e uummatni Oromoo waan hin fudhanneef WBO moggeessu kan jedhan Pr. Asaffaan, Waraanni Bilisummaa Oromoo uummatni Oromoo bilisummaa qabaatee mirga hiree murteeffannaa isaa hojiitti hiikuu akka qabutti waan amanuuf waliin mari’achuu irra akka inni baduu irratti hojjetu jechuun kaasaniiru.
Itti dabaluunis murni bilxiginnaa matuma isaatiin iyyuu shororkeessaa waan ta’eef Waraana Bilisummaa Oromoon shororkeessaa jechuun isaa sirrii miti jechuun qabsoo hidhannoo WBOn gochaa jiru qabsoo saba Oromoo dhumaatii irraa ittisuu akka ta’e Pr. Mahaammad Hasan waliin wal harkaa fudhanii ibsaniiru.
Kana malees uummatni Oromoo cufti Waraana Bilisummaa Oromoo tumsuuf dirqama akka itti qabu kaasuun hayyootni Oromoo fi qondaaltootni WBO hariiroo addunyaa irratti cimsanii hojjechuu akka qabanis dhaamaniiru.
