• Thu. Nov 19th, 2026

Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame

Aug 20, 2022

Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame.

ONM-ABO Hagayya 20,2022 Irree fi gaachana uummata Oromoo WBO diinagdeen jabeessuuf sabboontootni ilmaan Oromoo gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan sabbootootni ilmaan Oromoo biyyaa Amerikaa jiraatan kan maqaan isaa Abubakar jedhamu konyaa Siyaatil irraa fi namoonnii biroon walittii gurmaa’uun WBO gargaaraa turan ammaas qarshii impayeera Itoophiyaa 91,850 ( kuma sagaltamii tokkoof dhibba saddeetiif shantama ) WBOf gummachanii jiru.
Deggersi diinagdee WBOf taasifamu ittuma fufuun sabboontuttiin intala Oromoo “Oromiyaa Guutama ” jedhamtu biyya kuweeti irraa yeroo gara garaatti (MAANDHEE FALMADHUU MIRGA KEETIIF) jedhu keessatti hirmaachaa kan turte, ammas Dhuunfadhaan kan marssaa 3ffaa
maqaa (Jarmiyaa Twitter space) jedhu jalatti qarshii 100,000 ( kuma dhibba tokko ) WBOf gumaachitee jirti.
Sabboonaan Oromoo ” Birmmajjii Adam Tolaa’ namni jedhamu dhuunfadhaan qarshii 22,500 ( kumaa digdamii lamaa fi dhibba shan ) WBOf gumaachee jira.

Tumsii fi deggarsi diinagdee WBOf godhamu ittuma fufuun sabboontonni Ilmaan Oromoo Maadheen “Arsoomni Qorsooma” biyya United kingdom Keessatti ijaaraman qarshii 52,000 WBOf gumaacha godhanii jiru.

Kana malees sabboontootni ilmaan Oromoo maadhee “Irbuu Harkaaf Harma muraa Aanolee” jedhu jalatti gurmaa’an WBO diinagdeen jabeessuuf qarshii 5,000 WBO qaqqabsiisaniiru.

Akkasumas Ilmaan Oromoo Maadhee “Galoo Galaanaa” jedhu jalatti gurmaa’an Abdii fi gaachana uummata Oromoo WBO jabeessuuf qarshii 8000 waliigala qarshii 65,000 WBOf kan gumaachaniiru.

Sabboontootni ilmaan Oromoo dhuunfaa fi maadheen gurmaa’uun biyyoota adda addaa irraa gumaacha taasisan kun gara fuula duraattus hanga qabsoon Oromoo galma barbaachisu geessutti akka itti fufan waadaa isaanii jabeessanii jiru jechuun gabaasa Ajajaan Olaanaan ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.

Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’u ittiin jenna.

Horaa bulaa deebanaa

Injifannoon uummata Oromoof!

Leave a Reply