• Tue. Nov 24th, 2026

Jajjabeen Oromiyaa Bakkeewwan Addaa Addaatti Humnoota PP Irratti Mo’icha Argachuu Hime

Aug 21, 2022

Jajjabeen Oromiyaa Bakkeewwan Addaa Addaatti Humnoota PP Irratti Mo’icha Argachuu Hime.

[SQ Hagayya 21/2022]

Haleellaa gara jabinaa humnoonni Abiy Ahmed yeroo dhiyootti Oromiyaa keessatti raawwatan hordofuun humnoonni WB0 dhuma torban kanaa Shaggar Lixaa, Gujii Lixaa, fi lluu Abbaa Booraa keessatti injifannoo boonsaa heedduu lukeelee diinaa irratti gonfatanii jiru.

Shaggar Lixaatti kaampiin waraanaa PP Galaan Waddeessaa magaalaa Amboo irraa gara kaabaatti 40KM fagaatee argamu, Dikii fi Qulittii keessatti argaman hundi gooticha WB0 Birgeedii Jagamaa Badhaaneetiin guutummaatti dhuunfatamuu fi heedduun ammoo diigamuu maddeen keenya ifoomsaniiru.

Haaluma wal fakkaatuun Godina Gujii Lixaatti humnoonni jajjabee magaalaa guddoo godinichaa kan taate Bulee Horaa dabalatee naannolee heedduutti waraanni Bilxiginnaa bobbaate hundi, ajajoota olaanoo waraana sirnichaa 3 dabalatee harka WB0 seenuun mirkanaa’eera. Kaampii waraanaa Galee Magadaa magaala Bulee Horaa cinatti argamus guutummaatti hojiin ala ta’ee jira.

Gama biraatiin gootichi Godina lluu Abbaa Booraa keessatti humna PP Ona Daarimuutti humnoota diinaa taphaan ala gochuun hidhamtoota siyaasaa mana hidhaa magaalattii keessatti hidhamanii turan dhibbootaan lakkaa’aman heedduu bilisa baasee jira. Kaampii waraanaa Daarimuu fi manneen hidhaa lamas diigamaniiru.

Jajjabeen tarkaanfii eegdota impaayeraa irratti fudhatu cimsee kan itti fufu ta’uu fi uummanni Oromootis dammaqiinsa guddaadhaan ilmaan isaa yeroo kamiyyuu caalaa jajjabeeffachuu akka qabu dhaamna. Burjaajii kamiyyuu jalaa bilisa ta’uun hirkannoo isaa qaaliiwwan isaa irratti akka godhatus hubachiifna!

Leave a Reply