Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo uummata Oromoo godina Gujii Lixaa ona Bulee Horaa gandoota garaagaraa irraa waraana bilxiginnaa buqqaa’an gandoota isaaniitti deebise.
ONM-ABO Hagayya 22,2022 Lola waggoottan arfan darban kana keessatti kibba Oromiyaa godina Gujii Lixaa keessatti murni bilxiginnaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon baneen uummatni Oromoo hedduun ajjeefamee, gariin hidhamuun namoota kumoota hedduutti lakkaa’aman doorsisa waraana murnaa PPn qe’ee irraa buqqaa’anii jiru.
Akka kanaanis doorsisa dabballootaa fi qondaaltoota waraana bilxiginnaa kanneen olola murni bilxiginnaa baadiyoota ona Bulee Horaa gandoota akka Sakkicha, Ruussaa Hanquu, Arxummee Leemmaa, Sorillee Waccuu, Haroo Madanaa, Qillensoo mokkonisaa keessaa xiyyaara waraanaan rukutamtu jechuun uummatni buqqa’ee ganda Gaalessa Nageessoo qubatanii turan ganda isaaniitti nagaan deebi’anii akka jiraataniif gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo marii bal’aa kan hawaasni bilisaan yaada isaa ibsatu taasisee jira.
Akka uummatni yaada isaanii kennatanitti murni bilxiginnaa karaa dabballootaa, qondaala waraanaa fi lukkeelee isaa olola uummata keessatti facaasuun uummatni shororkaa’ee ooyiruu arfaasaa qotatee fi qe’ee isaa gadhiisee lubbuu isaanii qofa baafachuu himuun waraanni bilisummaa Oromoo kan yeroo inni jiru uummatni nagaan jiraatu waliin hanga xumuraa akka falmatan ibsaniiru.
Maree bal’aa uummata Oromoo gandoota kanneenii waliin taasiseen booda uummanni cufti nagaan qe’ee isaatti deebi’ee akka jiraatu taasifameera.
Namoota lukkeelee diinaa ta’uun uummatni Oromoo gandoolee kanneenii akka tasgabbiin jireenya isaa hin geggeeffanne irratti hojjechaa jiran gocha isaanii irraa deebi’uun akka WBO bira dhufan dhaamuufiin warreen waamicha kana hin fudhanne sirnicha waliin akka badan dhaamsa isaanii dabarfataniiru.
