Mormiin Uummati Sirna Gabroomsaa irratti godhu eegale.
(SQ-Hagayya 22, 2022)
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Tokkee Kuttaayee Magaalaa Gudar keessatti Hagayya 21, 2022 Waraanni Mootummaa Namoota nagaa Rasaasaan Tumuu sababeeffatee Uummati Magaalaa haala Suurarraa mul’atuun dandii cufuun Mormii Sirna Faashistii Abiyyiif qabu ifatti mul’isee jira.
Sirni Abiyyi abdii kutachuudhaan Dhaabbilee Hawaasummaa kanneen akka Buufata Fayyaa, Manneen Barnootaa, fi kanneen mancaasaa jiraachuus maddeen SQ mirkaneessan.
Uummati falmate ni injifata.


