• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Tokkee Kuttaayee magaala Gudaritti namoota lama rasaasaan rukuchuun madeessan

Aug 23, 2022

Godina Lixa Shaggar Aanaa Tokkee Kuttaayee magaala Gudaritti namoota lama rasaasaan rukuchuun madeessan.

 
ONM-ABO Hagayya 23,2022  Faashistoonni koloneel Abiy Ahimed kanneen uummata Oromoo dararuuf bobbaa’an bakka hedduutti dararaa hamaa namoota nagaa irraan gahaa jiru.

Faashistoonni kun hedduuminaan namoota abdii kutatan milishoota gandaa mooraa qopheessuufiin achi keessaa ba’anii akka namoota miidhan gochaa jiru.

Lixa Shaggar aanaa Tokkee Kuttaayee magaalaa Gudar keessatti yeroo dheeraaf bahaa gala nama dhorkuun dararaa hamaa hawaasa irraan ga’aa kan jiran humnoonni kun, magaala Gudar ganda 02 bakka addaa Gobaaxaa jedhamu qubachuun dararaa kana hammeessuu maddi keenya Magaala Gudar irraa Arraata Biyyoolessaaf himeera.
 
Akka maddi keenya kun himetti Dilbata dheengaddaa Hagayya 21,2022 sa’a booda 10:30 irratti milishootni bilxiginnaa machaa’anii deeman, daa’ima ol adeemtu umrii14 Abbii Kuukkuu jedhamu kalee isaa gubbaa rukutan.

Daa’imni Abbii Kuukkuu yakka dalage osoo hin qabaatiin lafa hiriyoota isaa waliin taphatutti rukutan.
 
Rukuttaa kana booda uummanni dallansuu cimaan ka’uun milishoota magaala Gudar keessa jiru irratti tarkaanfii fudhateen ari’anii waajjira poolisii magaalaa Gudaritti galchan.

Jeequmsa kana keessa dargaggoo biraa kan umriin isaa 20 ta’e Ganaanoo Adaanee jedhamu miila irra rasaasaan rukuchuu maddi keenya himeera.
 
Jeequmsa uumame kanaan walqabatee uummanni dallansuu isaa fi jibba sirna kana irraa qabu yoo mul’isu daandiin magaala Gudar keessa dabarsus sa’a hedduuf cafanii turan.

Humni addaa Oromiyaa haalicha tasgabbeessina jechuun dhufanis daandii guddicha irra olii gad yaa’uun dhukaasaan uummata shororkeessuu malee keessa, keessa magaalaa deemuf sodaa cimaa keessa galanii akka turan maddi keenya himeera.

Kanaan alatti nuti qaama keessanii rakkoo keessan nutti himadhaa jechuun sossobbaa isaan taasisanis fudhatama hin arganne.
 
Ilmaan Oromoo rukutaman kunniin mana yaalaa kan jiran yoo ta’u daa’imni Abbii Kuukkuu yaala olaanaaf hospitaala Ambootti yoo ergamu dargaggoon Ganaanoo Adaane hospitaala magaala Gudaritti yaalama jiraachu himuun roorroon teenyus balbala hunda keenya rurrukuttee nutti dhufuun waan hin oolleef falmannee ofirraa jigsuu qabna jechuun miira aariin kan maddeenitti dubbatan jiraattoota magaalaa Gudari.

Leave a Reply