Ilmi Pirezidaantii Yugaandaa Jeneraal Muhooziin impaayeera Itoophiyaa daawwannaaf dhufan.
ONM-ABO Hagayya 23, 2022 Yeroo garaagaraatti hoggana loltuu irra akka qaama siyaasaatti hojii dippilomaasii biyya isaanii Yugandaaf kan hojjetanii fi wantoota siyaasaa fuula tiwiterii isaanii irratti barreessuun kan beekaman ilmi pirezidaant Museevinii, jeneraal Muhoozii Kaayiruniigaabaa kaleessa Hagayya 22, 2022 daawwannaaf buufata xiyyeeraa impaayeera Itoophiyaa Booleetti obbo Tamasgeen Xuruneen simatamanii jiru.
Kanaan dura jeneraal Muhooziin fuula tiwiterii isaanii irratti erga faallaa Itoophiyaa dhaabbatu akka jechuun barreessanii turan.
“Obboleeyyaan gootota Humna ittisaa Tigraay keessa jira kaayyoo isin dhaabattaniif isin nan deggara. Warri obboleettiiwwan keenya Tigraay gudeedanii fi obboloota keenya ajjeessan adabamuu qabu, “jechuun barreessee ture.
Sababa kanaan impaayeerri Itoophiyaa garee namoota mootummaa Tigraay gargaaran keessatti maqaan jeneraala kanaafii qondaala waraanaa biyya Yugaandaa biroon argamee jira jechuun komii kaasaa turte.
Inumaayyuu loltoota Tigraay 4000 ta’antu mooraalee waraanaa Yugaandaa garaagaraa keessatti leenji’aa jira jechuun dubbachaa turan.
Kaleessa garu murni bilxiginnaa nama birmadummaa impaayeera kootiitu sarbisiisuuf jechuun miidiyaa irraa ololaa turan buufata xiyyaara Booleetti simachuun daawwannaa isaanii guyyaa jalqabaa kaleessa tokko jedhanii akka eegalan taasisanii jiru.
Jeneraal Muhooziin akka dubbatamaa jirutti afeerraa mataa nafxeenyaa Abiy Ahimediin taasifameefiin kan dhaqaniidha jechuun miidiyaaleen biyya Yugaandaa dubbatanis yeroo itti mootummaan Finfinnee fi Maqalee lolaaf wal doorsisaa jiran keessatti Itoophiyaa seenuun isaanii Abiy Ahimed dhimma Tigraay irratti mootummaan isaanii Tigraay bira akka hin dhaabbanne jechuun kan shakkanis ni jiru.
Kana malees dhimma bishaan Abbaay yaa’aa gara gadii ilaalchisuunis Yugaandaa of deggersiisuufis maree akka taasisan keessa beektootni dubbachuun jeneraal Muhooziin Abbaa isaanii Museevinii bakka bu’uun dhimmoota dippilomaasii gurguddoo irratti hirmaachaa waan jiraniif gaanfa Afrikaatti michuu biroo jabeeffachuuf akka ta’es ni himama.


