• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Lixa Shaggar ona Amboo keessatti waraanni bilxiginnaa namoota nagaa ajjeesuun yoo saamu ona Cobii keessatti ammoo kaabinoonni isaanii sodaan aangoo wal jijjiiraa jiru

Aug 23, 2022

Godina Lixa Shaggar ona Amboo keessatti waraanni bilxiginnaa namoota nagaa ajjeesuun yoo saamu ona Cobii keessatti ammoo kaabinoonni isaanii sodaan aangoo wal jijjiiraa jiru.

ONM-ABO Hagayya 23,2022 Waraanni murna bilxiginnaa lixa Shaggar ona Amboo ganda Qulliitti durbee Alamituu Tarreessaa mormaa ol ruluchuun yoo madeessan Araarsaa Olii kan jedhamu ammoo ganda Doobbii keessa rukuchuun ajjeesanii jiru.

Erga dheengadda Hagayya 20,2022 gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Cibraan Jaagamaa Badhaanee lola waraana bilxiginnaa harcaase geggeesseen booda ajjeechaa fi dararaa kan hammeesse murni bilxiginnaa nama Baay’isaa Ajjamaa abbaa maatii jalaa qabeenya yoo saaman, Addunnaa Tolasaa jalaa hoolota 13 qarshii 6,000 Ashuu Tafarraa jalaas hoolota 4 fi qarshii 3,000 saamaniiru.

Oduu biraatiin ammoo godina lixa Shaggar aanaa Cobii keessatti bulchaa aanaa sanaa Dheeressaa Lammaa kan jedhamuu guyyaa dheengadaa jechuun gaafa Hagayya 21,2022 ani marfameen jira, humna kanaan Waraana Bilisummaa Oromoo of irra faccisuu hin danda’u jechuun yeroo inni iyyata galfatutti durayyuu yoom aanaa kee qulqulleessite jechuun isa aangoo irra buusuun bulchaa haaraa Atoomsaa Hirkoo yeroof bakka buusanii jiru.

Sodaa Waraanni Bilisummaa Oromoo nu marsee jira jedhuun namoota sabboontoota ilmaan Oromoo shakkiin qabanii hidhaa fi reebicha irratti geeggessa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading