• Fri. Jan 2nd, 2026

Gareen shororkessaa bilxiginnaa Godinaa Iluu Abbaa Booraa magaala Mattuu keessaatti ilmaan Oromoo irratti hidhaa yoo jabessuu, aanaa Algee Saachii fi Daarimuu keessaatti uggurri sochii geejjibaa kaa’ame ture itti fufe

Aug 24, 2022

Gareen shororkessaa bilxiginnaa Godinaa Iluu Abbaa Booraa magaala Mattuu keessaatti ilmaan Oromoo irratti hidhaa yoo jabessuu, aanaa Algee Saachii fi Daarimuu keessaatti uggurri sochii geejjibaa kaa’ame ture itti fufe.

ONM-ABO Hagayya 24,2022 Magaalaa guddoo Iluu Abbaa Booraa kan taate magaalaa Mattuu keessatti tibbaana sabboontoota ilmaan Oromoo magaalatti keessaa jiraatan irratti doorsisni fi hidhaan jabaate jira.

Haalumaa kana dheengaada Hagayya 22,2022 godinaa Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuu keessatti waraanni faashistii PP sabboontoota ilmaan Oromoo badii tokko malee hidhaanii daraaruu eegalanii jiru

Namoonni wajjiraa polisii magaala Mattuutti hidhamanii daraaraama jiran kan maqaa arganne Tarfaa Deebsisaa ,barsisaa Dhaabaa, Geetuu fi kanneen maqaan nu qaqqaabiin hedduun hidhamanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa magaalaa Mattuu himaniiru.

Oduu biraatiin ammoo hospitaalli magaala Mattuu waraana bilxiginnaa lola irratti rukutamaan qofasf tajaajila akka kennu akeekkachifamuun, uummata yaala dhorkachuun dhukkubsattootni hedduun yaala dhabuun rakkachaa jiru.

Godinumaa Iluu Abbaa Booraa aanaa Algee Saachii fi Daarimuu keessatti uggurri sochii geejjibaa torbee tokkoof kaa’amee ture ammas itti fufee jiraachuu isaatiin uummanni gabaa ba’ee daldaalachuu fi bakka bakkaati socho’ee carraaqqachuu dhorkamuun rakkoo jireenyaatiin dararamaa jira.

Walumaagalatti godinaa Iluu Abbaa Booraa magaala Mattuu dabalatee aanoota hedduu keessatti namoonni galgala galgala daandii irra sochii akka hin goone dhorkuun, namoota daandii irratti argaan reebuun mana hidhaatti darbaata akka jiran jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading