Godina Lixa Shaggar aanaa Miidaa Qanyiitti faashistoonni Sirna PP abbaa maatii tokko ajjeesan.
ONM-ABO Hagayya 24,2022 Faashistoonni sirna abbaa irree Koloneel Abiy Ahimed dabballoota garaaf jiraataniin waliin wal qindeessuun ajjeecha uummata nagaa irratti raawwatan hojii guyyuu godhatanii jiru.
Hagayya 23,2022 ganama aanaa Miidaa Qanyiitii ganda Diddiksaa Hamuumaatti kan bobbaa’an waraanni faashistii sirna moofaa abbaa maatii Tamee Sanbataa ganda Didiksaa Hamuuma bakka addaa Laga Roobaatti ajjeesuu isaanii maddi keenya ganda Didiksaati Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himeera.
Akka maddi keenya kun himetti obbo Tameen ganda Goodaa Galaan magaalaa Bixxilleetti hojii daldalaan kan jiraataa turan yoo ta’u qabeenya isaanii fi kan inni ittiin hojjetu hundaa jalaa barbadeessuun lafa jiraanya dhoowwan.
Sababa kanaan magaala kana keessaa ba’uun maatii isaa waliin qe’ee warra isaatti galee jiraacha ture.
Haa ta’u malee hojii isaa idileef osoo deemu karaa irratti halaala dhaabbatanii qiyyaafannoo itti baruun rukutatanii akka ajjeesan maddi keenya himeera.
Obbo Tameen nama beekaa fi jaal’atamaa akkasumas hawaasaa fi maatii isaa biratti kabaja qabu yoo ta’u abbaa ijoollee sadii turan.
Abbaan maatii kun yakka tokko godhanii osoo hin taane waanuma Oromoo ta’aniif qe’ee isaanii irra jiraachuu akka dadhaban himuun qabsoon Oromoo yoo galii isaa hin ga’iin hafe gaaga’ama hamaa kaffaluuf waan teenyuuf jabaannee qabsootti xumura haa goonu kan jedhan jiraattoota ona Miidaa Qanyi.
