• Sun. Mar 15th, 2026

Humnoonni Bilxiginnaa Qeerroowwan Oromoo Butanii Dhabamsiisuun Akkuma Itti Fufetti Jira

Aug 26, 2022

Humnoonni Bilxiginnaa Qeerroowwan Oromoo Butanii Dhabamsiisuun Akkuma Itti Fufetti Jira.

[SQ Hagayya 26/2022]

Nagaan jiraachuun Qeerroowwan Oromoo kan isaanitti hin tolle humnootni muurna Bilxiginnaa, Oromiyaa guutuu keessss qareeyyii heedduu adamsanii butuun dhabamsiisaa jiru.

Haaluma kanaan guyyaa dheengaddaa jechuunis Hagayya 24/2022 halkan keessaa naannoo sa’aa 3:00 Qeerroo maqaan isaa Abdii Dassuu jedhamu kan dhalootaan Eebantuu ta’e, magaalaa Naqamtee kutaa bulchiinsa 03 mana jireenyaa isaa keessaa butanii deemaniiru.

Akka maddeen Sagalee Qeerroo himanitti Abdiin nama nagaa, siyaasarraa bilisa; jireenya dhuunfaa isaa jiraatuu fi barnootaaf jecha gara magaalaa Naqamtee akka jiraatu dubbatu. Abdiin barataa mummee Fayyaa Rift Valley waggaa 3ffaa yoo ta’u, ammaan duras humnoota muurna Bilxiginnaatiin yeroo addaa addaatti gidirfamaa turuun barameera.

Akka maatiin jedhanitti Qeerroo Abdii humnoonni butan kun garam akka isa geessanii fi haala inni itti jirullee wallaaluun daran kan isaan yaaddesse ta’uu Sagalee Qeerrootti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading