Godina baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu keessatti hidhattoonni murna bilxiginnaa qabeenya namootaa fi manneen isaanii barbadeessan.
ONM-ABO Hagayya 27,2022 Murni koloneefataan Impaayera Itoophiyaa qabeenyaa namoonni horatan saamuun yoo dadhabe ammoo gubee barbadeessuun hiyyummaa hamaaf saaxilaa jirachuu itti fufee jira.
Waraanni murna faashistii PP maqaa sakkattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun Oromiyaa godinaalee cufa keessatti bobbaafaman dararaa hiriyaa hin qabne fi gocha sukkanneessaa hawaasa nagaa irratti raawwachuun hawaasa nagaa dinagdee fi hawaasummaa isaa rukutuun rakkinaaf saaxilaniiru.
Oromiyaa keessatti yeroo ammaa dararriin humnoota faashistii PPn uummata nagaa irratti jabaatee kan jiru yoo ta’u godina baha Wallaga aanaa Haroo Limmuu ganda Muka Arbaa keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo itti maxxansuun manneen qonnaan bultoota nama sadii ibiddaan barbadeessaniru.
Namoonni manneen isaanii jalaa barbaada’e kunis Tafarii Fayyisaa, Margaa Fayyisaa fi Qixxeessaa Gannatee kanneen jedhaman jalaa yoo ta’u waraanni PP kun qabeenya mana keessaa tokkollee osoo hin baafatin midhaan boqolloo keeshaax 10 fi doqddoqee 1 waliin gubaan jechuun maddeen ifoomsaniiru.
Kana malees waraanni bilxiginnaa gocha badii isaa kana itti fufuun kaleessa Hagayya 26,2022 godina baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu ganda Warsuu iddoo addaa Bolee keessatti manneen qonnaan bultoota Oromoo Warquu Gammachuu fi Takiluu Baqqalaa kan jedhaman jalaa mana isaaniitti abidda itti shiduun gubaniiru.
Guyyuma kana aanuma Haroo Limmuu keessatti mana obbo Taammanaa Ejjetaa jedhamuus abiddaan itti qabsiisuun qabeenyaa manicha keessa ture waliin kan barbadeessan yoo ta’u gandoota aanaa Haroo Limmuu kanneen biroo keessatti gocha wal fakkaataa raawwachaa jiraachuu kan ibsan maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ona Haroo Limmuu ti.
