• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Magaalaa Naqamtee keessatti namootni badii malee hidhaman murtoo malee waggaa lamaa ol lakkoofsisan

Aug 27, 2022

Godina Baha Wallaggaa Magaalaa Naqamtee keessatti namootni badii malee hidhaman murtoo malee waggaa lamaa ol lakkoofsisan.

ONM-ABO Hagayya 27, 2022 Sabni Oromoo saba guddicha gaanfa Afrikaa yoo ta’u aadaa fi duudhaa isaa eeggatee addunyaa kanaaf diimookiraasiitii ammayyaa sirna gadaa kan badhaase ta’us mirga ofiin of bulchuu sarbamuun hidhaa fi ajjeechaan gatii hadhaa’aa kafalaa jira.

Haaluma kanaan murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo dalagaa mataa isaanii hojjetanii akka dinagdee isaanii hin fooyyeffanneef badii tokko malee qabanii oolmaa isaanii mana hidhaa taasisanii jiru.

Murni bilxiginnaa kun bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 07 keessatti barsiisaa Yuunivarsiitii Arat Kiiloo kan ta’e qabuun erga hidhanii hanga har’aa dararaa argaa jira.

Namoota kanaas barsiisaa Naaf Yaad, Heenook fi Abbuush dhalattoota magaalaa Dambii Doolloo, Dabalaa fi Lalisaa kan jedhaman ammoo dhalootaan magaaluma Naqamtee yemmuu ta’an namni maqaan isaa Eebbisaa jedhamu ammo dhalootaan magaalaa Amboo akka maddeen kaasuun namootni badii malee hidhamanii jiran rakkoo fayyaaf saaxilamanii jiraachuun ibsameera.

Hidhaan ilmaan Oromoo kana irra ga’e waan Oromoo ta’an qofaaf malee badii tokko kan hin qabne yoo ta’u hanga ammaa murtii tokko malee waggaa lamaa fi ji’oota muraasa hidhamanii jiraachuu maddeen magaalaa Naqamtee dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading