Godina Lixa Shaggar aanaa Gindabarat keessatti tajaajila ibsaa dhabuun jiraattootni rakkoo keessa jiraachuu fi qabeenya isaanii waraana murna bilxiginnaan saamama jiraachuu dubbatan.
ONM-ABO Hagayya 27, 2022 Oromiyaa keessatti murni bilxiginnaa uummata jireenya itti hammeessuun hawaasni jiruu gadadoo keessatti haala ulfaataa keessummeessa kan jiru yoo ta’u qabeenyuma isaan bu’aa ba’ii meeqa keessa darbanii argatan harka saamuun afaan qawween ilmaan haadha hiyyeessa boossisaa oolu.
Haaluma kanaan lixa Shaggar magaalotni Gindabarat lamaan gandoota baadiyaa biroo dabalatee baatii tokko oliif ibsaa fi quunamtii bilbilaa irraa kutuun uummanni midhaan bakka itti daakkatu dhabuu fi bilbilaan firoota isaanii waliin wal quunamu dhabuun rakkoo jabduu keessa jiraachuu jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Hawaansi lafa fageenyaa deemun baabura bishaaniitti daakkatanis hidhattoonni murna bilxiginnaa karaa irratti eeguun saamanii fi humnaan mana namoota irra deemanii nyaachaa jirus jedhan.
Namoonni dadhaboon lafa fageenya deemuu hin dandeenye ammoo harkan daakkatanii nyaacha kan jiran yoo ta’u rakkoo hamtuu keessumeessaa kan jiranii dha.
Kana malees reebicha, wantoota akka maallaqaa fi bilbila harkaa halkan da’oo godhachuun kan saamaa jiran ta’u jiraattootni dubbachuun ona Gindabarat keessatti shamarran humnaan akka gudeedamaa jiran ibsaniiru.
Akka jiraattootni aanaa kanaa tokko tokko jedhanitti uummanni rakkoo hamtuu keessaa jiraachuu fi dararrin garmalee itti hammaate jiraachuu ibsuun, kana booda wanti mana teenye duunuuf hin jiru osoo lubbuun nu jirru kaane falmannee sirna kana of irraa fonqolchuu qabna jechuun yaada isaanii dabarfataniiru.
