• Fri. Jan 2nd, 2026

Miseensi waraana bilxiginnaa tokko baha Shaggar ona Adaamii Tulluu fi Jiddoo Kombolchaa keessattii WBOtti harka yoo kennatu Baha Wallaggaa ona Haroo Limmuu keessatti miseensootni bilxiginnaa 6 sirnicha ganuun WBOtti harka kennatan

Aug 27, 2022

Miseensi waraana bilxiginnaa tokko baha Shaggar ona Adaamii Tulluu fi Jiddoo Kombolchaa keessattii WBOtti harka yoo kennatu Baha Wallaggaa ona Haroo Limmuu keessatti miseensootni bilxiginnaa 6 sirnicha ganuun WBOtti harka kennatan.

ONM-ABO Hagayya 27,2022 Ilmaan Oromoo miseensa waraana murna bilxiginnaa ta’an mooraa sirna cubbuu fi dabaa kana gananii WBOtti harka kennachuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan Hagayya 26,2022 baha Shaggar ona Adaamii Tulluu fi Jiddoo Kombolchaa mooraa waraana bilxiginnaa magaalaa Bulbulaa naannoo Sodaash keessaa ilmi Oromoo tokko qawwee AKM 1fi rasaasa 30 waliin mooraa diinaa ganuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo ABO-WBOn hogganamutti harka kennatee jira.
Oduma wal fakkaattuun torbeedhuma kana Hagayya 24 fi 26,2022 waraanni bilxiginnaa 6 mooraa waraana bilxiginnaa godina Baha Wallaggaa ona Haroo Limmuu keessaa sirna abaaramaa dhiiga ilmaan Oromoo akka bineensaatti dhangalaasaa jiru ganuun WBOtti harka kennatanii jiru.

Ilmaan Oromoo kunneen qawwee AKM 6, rasaasa AKM 1215, boombii 6 hidhannoo waliin mooraa waraana faashistii Abiy Ahimed keessaa haphisuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo gabbisanii jiru.

Ilmaan Oromoo kunneen kanaan dura dirqamaan qabamanii akka leenjii waraanummaa fudhatan kaasuun sirnichi uummata Oromoo balleessuuf nafxeenyaa waliin wal ta’ee hojjechaa waan jiruuf ilmaan Oromoo miseensa waraana bilxiginnaa ta’anii amma sirnicha tajaajilaa jiran sirnicha ganuun gara WBOtti harka akka kennatan dhaamsa dabarfataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading