• Tue. Oct 6th, 2026

Dhimma Kora Guddaa AB0-WB0 Sana hordofaa!

Aug 28, 2022

Dhimma Kora Guddaa AB0-WB0 Sana hirdofaa!

(SQ-Hagayya 28/2022)

Garaagarummaa JAARMIYAA fi PAARTII:
…….
ABO-WBOn Jaarmayaa Siyaasaa ofdanda’ee,(independent political institution) fi Sagantaa Siyaasaa ABO (OLF political program) bara 1976 ragga’e milkeessuuf akka hojjetu, ibsa KORA GUDDAA isaa jalqabaatiin booda baaseen ibseera.
https://olacommunique.com/2021/08/09/korri-guddaan-abo-wbo-kan-waraanni-bilisummaa-oromoo-gaggeesse-milkiin-xumuramuu-ajajaa-olaanaan-abo-wbo-ibse/?amp=1

Jaarmayaa jechuun, dhaabbata ofdanda’aa caasaa mataa isaa, Kaayyoo mataa isaa fi Hoogganoota mataa isaa qabu jechuudha. ABO-WBOn Jaarmayaa Siyaasaati. Kaayyoon isaa ammoo Hireemurteeffannaa Oromoo mirkaneessuudha malee aangoo Siyaasaa dhuunfachuu Miti. Jaarmayaan Qabeenya uummataa fi kan Biyyaati.

Paartii jechuun ammoo, Dhaabbata Siyaasaa kan #aangoo Siyaasaa argachuuf hojjetu jechuudha. Paartiin Siyaasaa, aangoo qofaaf hojjeta. Paartiin kan miseensota isaatii fi deggertoota isaa kan Ilaalcha Siyaasaa isaanii fudhatan qofaati.

.
Oromoon Paartilee Siyaasaa dheebuu aangootiif fiigan danuu qaba. Haa ta’u malee, Hanqina Jaarmayaa Siyaasaa guddaa qaba.

Kanaafuu, ABO-WBOn, Jaarmayaa Siyaasaa Oromoo Guddicha, kan Dhiibbaa Paartilee Siyaasaa kamuu irraa Walaba ta’edha. Hojiin isaas Hireemurteeffannaa Oromoo mirkaneessuuf, ilmaan Oromoo Siyaasa barsiisuutiin hidhannoo sammuu hidhachiisuu fi Loltummaatiin leenjisuutiin HUMNA Biyyaalessaa kan Oromoo fi Oromiyaa tiksu oomishuutiin lolee lolchiisudha.

Oromiyaa egeree keessattis, Jaarmayaa Siyaasaa ofdanda’aa kan Waraana Biyyaalessa Oromiyaa barsiisee leenjisee oomishudha. Jaarmayaa Qorannoo Siyaasaa Oromootis.

Walumaagalatti, Oromoon hanqina Jaarmayaa malee hanqina Paartii hin qabnu. Biyya dhabnee Garboomne malees aangoo miti. Biyyi keenya Oromiyaa erga walaba baatee Mootummaa mataa ishee qabaatte ammoo Oromoo hundatu ABBAA AANGOO ta’a.

Aangoon uummataan Uummataaf!

https://olacommunique.com/2021/08/09/korri-guddaan-abo-wbo-kan-waraanni-bilisummaa-oromoo-gaggeesse-milkiin-xumuramuu-ajajaa-olaanaan-abo-wbo-ibse/?amp=1

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading