• Wed. May 6th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessaa hidhamtoota siyaasaa jechuun nanoota badii malee murni bilxiginnaa hidhe tibbana leenjiif fe’uun dhagaa’ame

Aug 30, 2022

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessaa hidhamtoota siyaasaa jechuun nanoota badii malee murni bilxiginnaa hidhe tibbana leenjiif fe’uun dhagaa’ame.

ONM-ABO Hagayya 30, 2022 Murni bilxiginnaa tooftaa ittiin uummataa fi qabsoo wal jibbisiisuu jedhee ajjeechaa, hidhaa, saamicha, buqqaatii, manneen gubuu fi gudeeddii raawwachaa turuun tasgabbii siyaasaa impaayeerattii keessatti fiduu waan dadhabeef namoota maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda jedhuun badii malee hidhaan halkan konkolaataan fe’anii leenjii waraanummaatti fe’aa jiru.

Akka kanaanis Hagayya 27, 2022 godina Qellem Wallaggaa ona Anfilloo gandoota garaagaraa irraa sobaan yakkamanii ilmaan Oromoo buufata poolisii magaalaa Muggiitti hidhamanii turan kanneen namoota 100 ol ta’an halkan mana hidhaatii baasuun konkolaataa dhaabanii fe’anii jiru.

Namoota leenjiif dirqiin fe’aman kana keessa daa’imman umrii 15 gadii hanga ga’eessonni ganna 40 olii jiraachuu maddeen ibsaniiru.

Kun kanaan osoo jiruu maanguddoo waggaa 60 obbo Mangistuu Kabbadee jedhamu torban lamaan dura onuma Anfilloo ganda Waabaa Eebbaa irraa badii tokko malee qabuun magaalaa Seertumii geessanii hawaasa gidduutti erga quba miilaa fi harka isaa irra reebaniin booda achi buutee dhabamsiisanii jiraachuu maddeen dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading