Ilmaan Oromoo mooraa qabsoo bilisummaa isaanii jabeeffachuun wal dhagaa’anii wal faana socho’un galma barbaachisu ga’uu qabu jedhan Ajajaa Olaanaan ABO-WBO Jaal Marroon gaaffii fi deebii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa waliin taasisaniin.
ONM-ABO Hagayya 30,2022 Gaaffii fi deebii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa waliin haala yeroo irratti ajajaan Olaanaan ABO-WBO taasisaniin dhimmoota gurguddoo garaagaraa kan Oromoo , impaayeera Itoophiyaa akkasumas sadarkaa idil addunyaatti jiru carraa Oromoo fi miidhaa qaqqabaa jiru kaasuun dubbataniiru.
Dhimmoota Jaal Marroon kaasan keessaa dhimma karaa nagaa jedhee murni bilxiginnaa dubbachaa ture keessatti jaarmiyaa ABO-WBOtti akka dhaabbatti qaamni itti dhihaate hin jiru jechuun, dhaabni bilxiginnaa waraana bilisummaa Oromoo maqaa araaraa sanaan diiguuf turee itti hin milkaa’in hafuu dubbatan.
Kana malees dhimma lola kaaba impaayeerattii keessatti deebi’ee ka’eefis yeroo deebii laatan, ABO-WBOn raafamuu impaayeerattii dursee akka beeku kaasuun araarri TPLF fi bilxiginnaa gidduutti yaadamees milkaa’uu akka hin dandeenye akka hubatanii jiran ibsanii, murna bilxiginnaaf karaa nagaa waa furuun gaalli limmoo keessa ba’uu irra akka itti ulfaatu dubbachuun furmaatni bilisummaa Oromoo afaan qawwee qofa akka ta’e ibsaniiru.
Waraanni Bilisummaa Oromoo haala TPLF ganuu dandeessu irra hin jiru kan jedhan Jaal Marroon sadarkaa idil addunyaa irrattis dippilomaasii cimaa geggeessaa akka jiran ibsuun dhimma Oromoo ajandaa qabsiisanii deemsisaa akka jiran ifoomsaniiru.
Miidhaa hawaasa Oromoo irra sababa beelaan ga’aa jiruuf naannoo beela kana dhukaasa dhaabuun gargaarsi namoomaa akka qaqqabuuf dhaabbilee miti mootummaaf waamicha taasisanii akka jiran ibsuun dhukaasni garuu bakkoota birootti daqiiqaaf osoo hin dhaabbatin kan itti fufu ta’uu addeessaniiru.
Yeroo kamuu jaarmiyaa qabsoo bilisummaa Oromoo waan dandeenyuu jabeessuun dirqama Oromoo cufaa ta’uu kaasuun Waraanni Bilisummaa Oromoo akka diigamuuf haala garaagaraan fira fakkaatanii warreen hojii abaaramaa kana hojjetan lubbuu ilmaan Oromoo irratti qoosuu waan ta’eef namuu tokkummaan mooraa qabsoo bilisummaa isaa jabeessee, wal dhaga’uu fi galma tokko qabachuun galii kaa’ameetti saffisuu qaba jedhan.
Ilmaan Oromoo loltummaan murna bilxiginnaa tajaajila jiranis yeroo diinni sitti hidhe baattee deemte lafa nama irratti wareegama hin taane kafaluu irra saba kee gidduutti hafi, meeshaa kee qabadhuu waraana bilisumma Oromoo naannoo kee jirutti harka kennadhu jechuun waanicha Oromummaa taasisanii jiru.
Itti dabaluunis dhimma gargaarsa diinagdeen wal qabateenis yaada isaanii kennuun haala amma qaawwaa bulchiinsaa uumamuuf deemaa jiru kana irratti uummatni wal dhaga’ee yeroo waraanni bilisummaa Oromoo bakka tokko dhuunfatu koree bulchiinsa bilchiinsa bilisummaa yeroo dhabuun naannoo isaa eeggachuu akka qabu kaasuun waraanni bilisummaa Oromoos fuulduratti akka furga’u dhaamsa dabarsaniiru.
