• Wed. Jan 14th, 2026

WBOn zoonii lixaa godina Bunnoo Beddellee ona Makkoo keessaa diina buqqisuun dhuunfate!

Sep 5, 2022

WBOn zoonii lixaa godina Bunnoo Beddellee ona Makkoo keessaa diina buqqisuun dhuunfate!

ONM-ABO Fulbaana 5, 2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu bilxiginnaa irratti fudhachuu itti fufuun aanaa keessaa buqqise.

Haaluma kanaan har’a ganama Fulbaana 5,2022 irraa kaasuun lola baadiyaa godina Bunnoo Beddellee ona Makkoo keessatti geggeeffamaa ture WBOn waraana bilxiginnaa injifannoon of duraa buqqisuun magaalaa aanichaatti itti seenuun waaree booda sa’a 8:30 irratti aanicha guutuutti dhuunfachuun barameera.

Lola kanaan meeshaalee waraanaa fi rasaasa isaa akkasumas hidhamtoota siyaasaa fi waraana bilxiginnaa du’aa fi madoon kan adabe yoo ta’u kanneen jiraa booji’amanis akka jiran ibsameera.

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo aanicha to’achuun humna diina magaalattii fi naannooshee sakatta’aa jira.

Guutuu gabaasa kanaa akka xumurameen isiniif dhiyeessina.

WBOn sansakkaa riphee lolaan hogganamee diina hawaasa Oromoo keessaa buqqisuun hawaasni Oromoo akka of bulchuuf hojjechuu itti fufuun bilisummaan ni goolaba!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading