• Thu. Nov 26th, 2026

Godina addaa naannoowaa Finfinnee aanaa Sulultaa magaalaa Darbaa keessatti uummatni dararaa argaa fi qeerroowwan humnaan qabamanii leenjii waraanummaatti ergamaa jir

Sep 6, 2022

Godina addaa naannoowaa Finfinnee aanaa Sulultaa magaalaa Darbaa keessatti uummatni dararaa argaa fi qeerroowwan humnaan qabamanii leenjii waraanummaatti ergamaa jiru.

ONM-ABO Fulbaana 6,2022 Akka odeessi maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa godina Addaa Naannoowaa Finfinnee aanaa Sulultaa irraa nu qaqqabe addeessutti murni bilxiginnaa milishoota magaalaa Darbaatti uffata poolisii humna addaa Oromiyaa itti uwwisuun magaalattii keessatti uummata reebsisaa fi badii malee qabanii akka hidhan taasisaa jiru.

Milishootni maqaa poolisii humna addaa Oromiyaan magaalaa Darbaa keessatti bobbaafaman kun halkan daandii gubbaa irratti saamicha geggeessaa fi dhuganii machaa’uun hawaasa naannoo jeeqaa bulu.

Kana malees murni bilxiginnaa magaalaa Darbaa kanaa milishoota kana waliin ta’uun daa’imman abbaa fi haadha hin qabne akkasumas qerroowwan bakka jiroo irraa magaalaatti keessatti daandii gubbaa irratti hojjetanii of jiraachisan gargaarsa isaaniif kennina jechuun goyomsanii leenjii waraanummaatti ergaa jiraachuu maddeen kun dabalanii ibsaniiru.

Magaalaa Darbaa keessatti ergamtootni sirna bilxiginnaa qabeenya uummataa fi qarshii hoji raawwachiistuuf ramadame fayyadamuun dantaa dhuunfaa isaanii guuttatan uummata garuu magaalattii keessatti dararaa guddaa irraan ga’aa akka jiran himameera.

Leave a Reply