• Wed. Nov 25th, 2026

Murni bilxiginnaa daa’ima waggaa 10 godina Gujii Lixaa ona Galaanaatti ajjeesuun abbaas madeesse

Sep 6, 2022

Murni bilxiginnaa daa’ima waggaa 10 godina Gujii Lixaa ona Galaanaatti ajjeesuun abbaas madeesse.

ONM-ABO Fulbaana 6,2022 Waraanni faashistii PP ilmaan Oromoo xiqqaa fi guddaa akkasumas saalaa fi umriin osoo adda hin qoodin Oromummaa isaaniin yakkuun ajjeesuu aadeffate godina Gujii Lixaa ona Galaanaa keessatti shammarree ganna 10 ajjeesan.

Dheengadda Fulbaana 4,2022 ona Galaanaa ganda Waaccuu keessa waraanni maafiyaa PP ilmaan Oromoof marartoo hin qabne daa’ima ganna 10 waan siyaasaa keessaa quba hin qabne Maartaa Guyyoo jedhamtu ajjeesuun abbaa ishee obbo Guyyoo Dukkaalee jedhaman ammoo rasaasan rukuchuun madeessan.

Waraanni murna bilxiginnaa lola Oromiyaa fi kaaba impaayeerattii keessatti geggeeffamaa jiru dheessuun hedduun isaanii daangaa Sudaan ce’anii harka kennachaa bakka jiranitti warreen barcuma siyaasaa dantaa leelliftoota sirna Minilik kabachiisu eeguuf qe’ee keessa laban amma illee ilmaan Oromoo irbaata rasaasaa gochuu hin dhaabne.

Murni bilxiginnaa ilmaan Oromoon bakka bu’a jedhee miidiyaa irra ololu daa’ima kununsa maatii jalaa hin baanee fi seera impaayeerattii akkasumas idil addunyaan mirga eegumsaa qabdu badii ishee malee umrii isheen addunyaa kana irraa qabdu itti gabaabsuu waraana nama nyaataa bilxiginnaatti gadduun falmaa sirnicha irratti taasifamu akka dagaagsan kan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan jiraattoota ona Galaanaa ti.

Leave a Reply