• Sun. Jan 11th, 2026

Hidhaan Oromummaa irratti xiyyeeffate jabaatee itti fufee jira

Sep 6, 2022

Hidhaan Oromummaa irratti xiyyeeffate jabaatee itti fufee jira.

(SQ-Fulbaana 06,2022)

Shamarree Yeroosan Abarraa badii homaa utuu hin qabaatin Guyyaa Kaleessaa Magaalaa Finfinnee Naannoo Askootti humnoota tikaan butamtee haga ammaa bakki buute hin beekamne.

Yeroosan nama baratee hojii barbaachaaf Magaalaa Finfinnee jiraatuudha.
Maatiin Yeroosan Humnoota Mootummaa PPn kan bittimfaman, Abbaa ishee humnootiin Mootummaa erga ajjeesanii mana isaaniis barbadeessuudhaan, Obboleettii angafa ishee Liidiyaa Abarraas badii malee Murtii hidhaa Waggaa 6 fi baatii 6n adabanii gidirsaa jiru.

Yeroosan nama gargaarullee kan hin qabne, hojii barbaachaaf Utuu Magaalaa Finfinnee jiraattuu Humnoota Mootummaa PPn ukkaamfamuun dhagaa’ame.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading