Naannoo Gambeellaa keessatti ilmaan Oromoo jireenya dhuunfaa isaanii jiraatan Oromummaa qofaan yakkuun hidhaa jiru.
ONM-ABO Fulbaana 7, 2022 Impaayeerri Itoophiyaa ilmaan Oromoo jaarraa tokkoo oliif Oromummaa qofaan yakkuun duguggaa sanyii irratti raawwachaa akka turan eenyu jalaa kan dhokate miti.
Keessayuu leellistoonni sirna moototaa durii cabiinsa Oromoo irraa eegalanii hanga ammaatti barcuma siyaasaa isaaniif jecha ilmaan Oromoo qaalii adamsanii gariin ajjeessa, kaan ammoo hidhaan dararu.
Fulbaana 5, 2022 Oromoota naannoo Gambeellaa jiraachaa turanii ayyaana bara haaraa habashootaa sababeeffachuun gara maatiitti galuuf turan isin deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun maanguddootaa hanga daa’imman xixiqqootti namoota baay’inni isaanii 27 ol ta’aan osoo isaan gala jiraanii magaalattii keessaa osoo hin ba’in qabanii hidhanii jiru.
Mana isaanii nagaan ba’anii osoo galaa jiranii ilmaan Oromoo qabamanii hidhaman kun daa’imman waliin mana hidhaatti rakkachaa jiru.
Namoota daandii konkolaataa sodaatanii daandii miilaa karaa Anfilloon magaalaa Seertumii qaxxaamuranii darbuuf magaalaa Gambeellaa irraa imala eegalanis poolisiin humna addaa naannichaa reebicha hamaa irraan ga’uun deebisuu isaa maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa magaalaa Gambeellaa addeessaniiru.
