• Thu. Nov 26th, 2026

Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti maqaa Lixa Oromiyaa irraa dhufteen ilmaan Oromoo qabanii achi buutee dhabamsiisuun itti fufe

Sep 9, 2022

Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti maqaa Lixa Oromiyaa irraa dhufteen ilmaan Oromoo qabanii achi buutee dhabamsiisuun itti fufe.

ONM-ABO Fulbaana 9, 2022 Murni bilxiginnaa kutaa, ganda, ilaalcha siyaasaa fi amantiin ilmaan Oromoo addaan hiree miidhaa irraan ga’uuf hojjetu godina addaa naannoowaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti ilmaan Oromoo lixa Oromiyaa irraa dhufan jechuun qabanii erga mana hidhaa galchaniin booda achii baasuun dhabamsiisaa jiru.
Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu gandoota adda addaa keessatti qeerrowwan Oromoo fi maatii lixa Oromiyaa godinoota Wallaggaa irraa achi jiraatan qabanii hidhaa jiru.
Namoota qabanii hidhan kanas buufata poolisii fi mooraa poolisoota humna addaa Oromiyaatti galchuun dararu.
Waraanni murna bilxiginnaa kun Oromoota godina dhalootaan yakkuun hidhanii jiran konkolaataa dhabanii fe’uun achi buutee dhabamsiisaa jiru.

Namoota mooraa poolisoota humna addaa Oromiyaa naannoo Maariyaamiitti hidhamanii jiran keessaa qeerroowwan Oromoo lixa Wallaggaa ona Qondaalaa fi Begii hedduun keessatti argamu.
Isaan keessaa kan maqaa arganne qeerrowwan ona Begii Abdii Masgabuu fi Nastaa Abdallaa ta’uu maddeen ibsuun bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti ergamtootni sirna Minilik rakkoo hamtuu jiraattoota irraan ga’aa akka jiran dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply