Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo dinagdeen tin’isuuf taasifame.
ONM-ABO Fulbaana 9, 2022 Sabboontootni ilmaan Oromoo irree fi gaachana uummata Oromoo WBO diinagdeen jabeessuuf gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.
Akka kanaanis waldaa dubartoota Oromoo Awustiraaliyaa magaalaa Meelboorn jiraatan marsaa 2ffaaf gumaacha isaanii qarshii impaayera Itoophiyaa 200,000 ( kuma dhibba lama ) WBOf gumaachanii jiru.
Waldaan dubartoota Austiraaliyaa kun gara fuula duraattis hanga abbaa biyyummaa keenya mirkaneeffannutti ejjannoo fi murannoo keenya otoo hin jijjiirre waan dandeenyu cufaan WBO cina ni dhaabbanna jechuun waadaa seenanii jiru.
Ibsa ejjannoo armaan gadiis baafatanii jiru.
Uummanni Oromoo akka Sabaatti Kabajamee akkasumas sodaatamee lafa fi biyya isaa irratti jiraachuu barbada taanaan waan danda’u hundaan ABO-WBO bira dhaabbatu qaba jechuu isaanii gabaasa ajajaa olaanaan ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.
Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’u ittiin jenna.
Horaa bulaa deebanaa
Injifannoon Uummata Oromoof!
