Godina Arsii Lixaa bulchinsa magaalaa Shaashamannee keessatti maqaa bu’uuraalee misoomaan qabeenya dhuunfaa mancaasaa jiru.
ONM-ABO Fulbaana 9, 2022 Dabballootni sirna PP uummata dararuun dantaa sharafatan maqaa ilaalcha siyaasaan uummata hidhaa fi ajjeechaan dararaa maqaa misoomaan ammoo qabeenya uummataa bulchinsa magaalaa Shaashamanneetti mancaasaa jiru.
Torbee kana magaalaa Shaashamannee ganda Allachee Harabaatee keessatti daandii isiinif galchina jechuun gileedarii itti kaa’anii qabeenya dallaa namaa gamaa fi gamana jiru muuzaa, mangoo, Avokaadoo fi giraaviillaa buqqisuun dhabamsiisaniiru.
Daandii isaan humnaan lafa uummataa irra baasan kanaaf uummatni fedhii keenya hin gaafattanii yookiin ammoo beenyaa nuuf hin kafaltanii jedhee yeroo gaafatutti isin farra misoomaati akkasumas hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jechuun akka isaaniin hidhan akeekkachisan.
Magaalaa Shaashamannee keessatti daandii karaa Hawaasaa deemu irratti kan argamtu ganda Bulchaanaa Dannabaa erga fedhii uummataa malee gandicha magaalaa jalatti galchaniin booda lafa uummataa irra beenyaa isiniif kafalla jechuun karaa baasaniifii turan.
Sana booda beenyaa sana namoota gariif kafaluun kanneen biroof osoo hin kafalin baajeta ba’e bulchitootni magaalichaa nyaachuu isaanii uummatni komee kaasaa akka jiru maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa magaalaa Shaashamannee ibsaniiru.
