Waraanni murna bilxiginnaa godina Gujii Lixaa aanaa Abbayaa keessatti ilmaan Oromoo afur bakka tokkotti ajjeesan.
ONM-ABO Fulbaana 9,2022 Guyyaa dhufee darbuun waraanni murna bilxiginnaa haadha Oromoo ilmaan ishee jalaa ajjeesuun qara ilaalchisaa kan hambisu akkasumas daa’imman Oromoo abbaa malee akka isaan guddatan gochaa kan jiru gocha isaa badii kana itti fufuun godina Gujii Lixaa ona Abbayaa keessatti ajjeechaa jumlaa raawwatan.
Akka kanaanis godina Gujii Lixaa aanaa Abbayaa ganda Dibbichaatti waraanni faashistii Abiy Ahimed dheengadda Fulbaana 7/2022 uummata nagaa nama afur bakka tokkotti marartoo tokko malee jumlaan ajjeesanii jiru.
Ilmaan Oromoo badii tokko malee Oromummaan yakkamuun ajjeefaman maqaan isaanii Galchu Baggajjoo maanguddoo umrii 60 Geeloo Gilaa ganna 70, Culluuta Qal’aa ganna 58, fi Uddeessa Waaqoo dargaggoo ganna 20 ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.
Ilmaan Oromoo badii tokko malee irbaata rasaasa PP ta’an kun hawaasa keessatti jaarsolii araaraa fi qeerroo kabajaa qabu malee dalagaa badii tokko iyyuu hojjetanii akka hin qabne maddeen dabaluun ibsaniiru.
