• Sun. Jun 7th, 2026

Godina Baalee Lixaa ona Diinshoo keessatti waraanni murna bilxiginnaa manneen uummataa guban

Sep 9, 2022

Godina Baalee Lixaa ona Diinshoo keessatti waraanni murna bilxiginnaa manneen uummataa guban.

ONM-ABO Fulbaana 9, 2022 Murni bilxiginnaa aangoo siyaasaa isaa akka hin raafamnetti jabeeffachuuf uummatni akka isa irratti diddaa hin agarsiifneef gochoota sukkanneessaa garaagaraa qonnaan bultoota Oromoo irratti raawwatan itti fufuun godina Baalee Lixaa ona Diinshoo keessatti manneen qonnaan bultoota hedduu gubuunii fi namoota hidhuu hammeessanii jiru.
Torbeedhuma kana keessa waraana bilisummaa Oromootu isin keessatti argame jechuun gandoota ona Diinshoo kanneen akka Coofiraa, Hora Soobbaa, Garambaa Diimaa, Goojjiraa, Ayyiddaa fi Mi’oo Qarsaa keessatti manneen qonnaan bultoota hedduu gubuun namoota hedduus hidhanii jiru.
Namoota hidhaman keessaa Habiibaa Qaasim Fixee namni jedhamtu maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachifta jedhuun qabamtee erga hidhamtee buufata poolisii ona Diinshoo keessatti da’uun ishee barameera.
Waraanni murna bilxiginnaa waraana isaa maqaa milishaa, gaachana sirnaa fi poolisii humna addaan jechuun aanaa Diinshoo keessa qubachiisee gara baadiyaa aanichaatti bobbaasuun re’ee, hoolotaa fi sangoota qonnaan bultoota irraa qalachuun saamicha geggeessaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ona Diinshoo gabaasaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading