• Sun. Jun 7th, 2026

WBOn zoonii kibbaa godina Gujii Bahaa keessatti tarkaanfii fudhachuun waraana bilxiginnaa du’aa fi madoon adabe

Sep 8, 2022

WBOn zoonii kibbaa godina Gujii Bahaa keessatti tarkaanfii fudhachuun waraana bilxiginnaa du’aa fi madoon adabe.

ONM-ABO Fulbaana 8, 2022 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo waraana garboomfataa PP Oromiyaa bakkoota garaagaraatti adabuun du’aa fi madoo tolchee meeshaalee waraanaa irraa hiikkachuu itti fufee jira.

Leencotni ilmaan Oromoo WBOn zoonii kibbaa godina Gujii Bahaa aanaa Gooroo Doolaa magaalaa Bittaataa mooraa waraana faashistii Abiy Ahimed irratti har’a Fulbaana 8, 2022 ganama barraaqaan itti cabsuun mooraa isaanii keessatti rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessee waan qabanii fi gadhiisan wallaalchisuun battalatti 9 irraa ajjeesee 6 madeessee jira.

Lola har’a ganamaan waraana bilxiginnaatti milkii balleessee oolmaa isaanii gaddaan uwwise kanaan WBOn mooraa keessaa gugsee baasee meeshaa waraanaa qawween AKM 8 irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisanii jira.

Tarkaanfii WBOn fudhatu hanga bilisummaa fi walabummaatti itti fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading