• Wed. Jul 8th, 2026

Ajjeechaa Arsii, Asakootti Qaqqabe Ilaalshisee (Ibsa ABO-WBO)

Jun 5, 2026

Guutuu Oromiyatti, addattimmo baha Oroomiyaatti, kaadireen Abiy Ahmed waggootan darbaniif ummata addaan bittineessuuf hojii bal’aa hojjechaa turani. Kiristaanni, Muslima irratti, Oromoon Amaara irratti akka ka’u, bajeta ramadanii irratti dhama’aa turani. Oromoo giddutillee, Tuulamni Kirstaana jedhanii Obbolota isaa Muslima Arsii waliin akka wal shakku gochuun dhama’aa bahani. Kanammoo karaa lama raawwachuu yaalani: kan jalqabaa, garee tokko meeshaa hidhachiisanii kaan irratti duulchisuuni. Kan lammaffaa immoo Partiin Bilxiginnaa partii garee tokkoo akka ta’etti fakkeessuun isa kaan moggeessuun ture.

Wiixata darbe, yemmuu Waraanni Bilisummaa Oromoo uggura kaawame raawwachiisuuf goolee Oromiyaa mara irraa socho’u, carraa sana gargaaramuum ummata duruu akka wal gaarreffatu irratti hojjechaa turan kakaasanii, lubbuun namaa akka darbu taasisani.

Yeroo amma Bilxiginnaan, humnooti ishee morman walitti dhukaasuu dhiisuun qofti, otoo sochiin qindaayee tarkaanfittti cehe tokkollee hin jiraatiin, kaartaa siyaasaa harkaa darbee waan hojjetan wallaalchisee jira. Ummata walitti buusuunii gidduudhaa hatuun ala, garee saayinsiin siyaasaa karaa kam akka darbe quba hin qabne irraa waanuma eegamu.

Ergamtoonni Shimalis Abdiisaaa, kan doofummaa isaaniin boonan, kan yeroo miidiyaan addumyaallee Abbootii Gadaa Karraayyuu kallattiin ajjeesanii WBOtti haqatan harkatti qabee saaxiluu irraa hin baranne, har’as gadi bahani “humnooti filannoo gufachiisuuf bahan, mana amantaa miidhan” jechuun mana amantaa lafa filannoon itti hatamu waliin walitti dhahanii dhiyeessaniiru.

Humnoota Amaaraafi kaanis waliin adda addummaa siyaasaa jajjaboo qabna. Kuni waan itti fufus. Ha ta’uutii waggoottan saddeet darbaniif duriyyeen Amaara ajjeeftee, Oromoo himachaa; Oromoo ajjeeftee, Amaara himachaa yeroo adeemtu, dabaree dabareedhaan himata ishee irraa bitachaa deemuun namoota nagaa hedduu akka gaaga’aman godhee jira. Kanaa booda eenyuuyyuu lubbuu lammilee nagaa galaafatee miliquu akka hin dandeenyetti irratti hojjenna. Lubbuu lammilee nagaa oolchuuf adda addummaan siyaasaa kamiyyuu danqaa ta’uu hin danda’u.

Ajaja Olaanaa ABO-WBO
Waxabajjii 4, 2026

Oromia #Ethiopia

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading