• Sat. Oct 3rd, 2026

Ayyaana Irreenyaa Bara 2026 Ilaalchisuun Ibsa Tumsa Humnoota Ummatoota Itoophiyaa Baraaruu Irraa Kenname

Oct 3, 2026

Tumsi Ummatoota Baraaruu ummata Oromoofi umattooata biyyatti Ayyaana Irreechaa kabajachaa jiran hundumaaf Baga Ayyaana Irreechaatiin Nagaan Geenye jedha. Irreechi Ayyaana galataa, araaraa, nagaa fi abdii uummata Oromoo ti. Ayyaanni kun, dur-durii irraa eegalee, Oromoo dhaloota dhufaa darbaa waliin walitti hidhuun, Uumaa isaaf galata ittiin dhiyeessu akkasumas uumama isaa guutuu kunuunsuu fi eeguuf waadaa ittiin haaromsu. Waaqa galateeffachuun uumamawwan inni uume hundumaa waliin nagaan jiraachuu ittiin kabajnu yeroo addaa ti. Kanaafuu, Irreechi wal kabajuu, kaaniif yaaduu, araara, haqaa fi nagaa nu barsiisa.

Bifa isaa ammayyaa keessattis, Irreechi aadaa fi eenyummaa Oromoo tikfachuu qofa osoo hin taane, mirga uummanni Oromoo eenyummaa isaa, afaan isaa, aadaa isaa fi qabeenya isaa irratti kabajamuuf, gaafatamummaa dhaloota har’aa irra jiruuf waadaa ittiin haarsomsinu. Yeroo uummanni keenya rakkoo, buqqaatii, hidhaa, ajjeechaa fi sarbama mirgaa garaagaraa keessa jiru kanatti, Irreechi yaadannoo qofa osoo hin taane, yeroo abdii fi kutannoo keenya ittiin mul’ifnus. Warra lubbuu isaanii wareegan yaadachuun fi kabajuun, warra miidhaman waliin dhaabbachuun, warra rakkoo keessa jiran gargaaruun, dhaloota dhufuuf biyya nagaa, bilisaa fi haqaan bulfamtu ijaaruuf kutannoo keenya haaromsinu.

Ayyaana Irreechaa bara kanaa murteessaa ta’e keessatti uummata Oromoo waliin kabajna. Yeroon kana adda kan taasisu, gareen dhiiga Qeerroo Oromoon aangoo qabate Oromoo fi Oromiyaa, akkasumas jiraachuu uummata biyyattii hunda balleessuuf kan bobba’e qabsoo murannoo uummattoonni biyyattii gaggeessaniin kufaatiin isaa yeroo dhiyaatetti ta’uu isaati.

Aadaan keenya hundi, Irreecha dabalatee, dhalootaaf akka darbee jiraatu, uummanni keenya qabeenya isaa irratti abbaa ta’ee hiyyummaa keessaa akka ba’u, hoggansa siyaasaa isaa ofiin bilisaan akka filatuuf, uummata Itoophiyaa hunda waliin qabsoo jalqabne injifannoon akka xumurru shakkii hin qabu. Uummata Oromoo maraaf irra deebi’anii, Baga Ayyaana Irreechaa bara kanaa nagaan geessan jenna.

Tumsa Humnoota Ummatoota Itoophiyaa Baraaruu
Onkoloolessa 3, 2026
#Oromia #Ethiopia

https://x.com/OLF_OLA/status/2106341983224496177

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading